Wal ta’iinsa humna waraanaa Yuunaayitid Isteetisi ta’uun haleellaa Alshabaab irratti fudhatameen hidhattoota garichaa Kudhan ajjeesneerra jedhe mootummaan Somaaliyaa.
Ministirri Odeeffannoo Somaaliyaa ibsa baaseen haleellaa garee milishaa Alsahabaab irratti naannoo magaalaa Berhaanii kan Kaaba Lixa Kismaayoo iarraa tilamaamaan Kiiloo meetira 60 fagaatee argamuti fudhatameen hidhattoota garichaa Kudhan ajjeesuu himee , garichi tarkaanfii fudhachuuf qophaa ‘aa turuu fi bakka inni irraa qopha ‘aa ture barbadeesuus ibseera. Yeroo tarkaanfiin kun fudhatametti namoota nagaa irratti miidhaan dhaqqabe hin jirus jedheera.
Ibsi mootummaa Mootummaa Somaaliyaa kun kan ba’e Dilbata kaleessaa yommuu ta’u tarkaanfichi yoom akka fudhatame garuu hin ibsine. Tarkaanfii kana michuu keenya Yuunaayitid Isteetisi waliin taaneeti kan jedhe ibsi mootummaa Somaaliyaa , humni waraanaa Yuunaayitid Isteetisimmoo Wiixata kaleessaa ibsa baaseen hooggantoota garee Alshabaab keessaa tokko kan ta’e Mohaammad Miree, kana Abu Abdirahamaan jedhamuun beekamu haleellaa dirooniin gaafa Mudde 24 darbe ajjeefamuu isaa mirkaneesseera.
Ajjefamuu Mohaammad Miree mootummaan Somaaliyaa kana dura kan beeksiise yommuu ta’u, nama waggoota 15 darbaniif Alsahaab keessatti gulataa hooggansa garaa garaa irra kan ture yommuu ta’u yeroo ammaa hoogganaa Alshabaab biyya keessaas ture.
Forum