Raashaan humnootii Sudaan keessaa wal lolaa jiran maallaqaan deggerti jechuu dhaan Yunaayitid Isteetis Wixata kaleesaa Tokkummaa Mootummootaatti himattee jirti. kunis kanaan dura Waashingitan Moskoon kaayyoo siyaasaa ishee adeemsisuuf gama lamaan gidduu deemti jechuun kan dubbate irra tarkaanfii guddaa ta’uu mul’ata. Waraanni kun Ebla bara 2023 keessa waldhabdee aangoo Humnoota Waraanaa Sudaan fi Humnoota Deeggarsa Saffisaa (RSF) gidduutti kan ka’e aangoon bulchiinsa siiviliitti ce’uuf karoorfame utuu hin ga’in dura yoo ta’u , kunis rakkoo buqqa’iinsaa fi beela addunyaa irratti isa guddaa jedhamu dhaqabsiise.
Baatii Sadaasaa keessa Raashaan wixinee murtii gola naga eegumsaa kan Tokkummaa mootummootaa kan gareeleen wal waraanan battala lola akka dhaabanii fi gargaarsi namoomaa dhaqqabu isaa akka mirkanaa’u gaafatu sagalee veetoon kuffiste. Miseensonni hafan 14n wixinee sana deggeruun sagalee kennaniru. Tokkummaa mootummootaatti ambaasaaddera Yunaaitid Isteetis kan ta’an Toomaas Griin Fiild Wixata kaleessaa gola naga eegumsaaf ibsa kennaniin, Raashaan garee lamaan maallaqaan ennaa deggertu namoota nagaa balaaf haala saaxiluuf qofaa dhaabachuun sagalee kennuu dhaan gufuu ta’uu filatte jechuu dhaan ibsa bal’aa garuu hin kennine.
Tokkummaa Mootummootaatti dubbi himaan gurmuu Yunaayitid Isteetis ennaa gaafataman, Raashaan daldala Warqee Sudaaniif fedhii qabdu biyyi isaanii quba qabaachuu ishee tuqanii, gareelee wal waraananiif kan ta’u deggersa meeshaa kamiin iyyuu akka mormitu beeksisaniiru. Aangawoonni Sudaan kampanilee fi namoota dhuunfaa Raashiyaa qoqqobbiin irra kaa’ame waliin tumsi albuuda warqee isaan taasisan, hegeree Sudaanii fi fedhee uummatichi waraanni kun akka dhaabatuuf qabu miidha jedhee jira.
Tokkummaa mootummootaatti itti aanaa ambaasaadderri Raashaa Dimitirii Poliiynskii kanaaf deebii kennaniin, Yunaayitid Isteetis humnoota addunyaa biroo ulaagaa mataa isheetiin murteessuuf yaaluu isheetti ni gaddina jedhan.
“Sirna addunyaa Yunaayitid Isteetisiin durfamu keessatti, Yunaayitid Isteetis biyyoota biroo waliin hariiroo kan ijaarrattu, karaa seeraan alaa fayyadamuudhaan ofii duroomuuf qofa akka ta’e ifaa dha." jedhan Rooyeterss ibsa akka kennaniif gareelee Sudaan wal waraanaa jiran lamaan battala dhaqqabuu hin dandeenye.
Forum