Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hookkara Kashlabboota Heeyitii Keessaatiin Namoonni Kuma Shanii ol Dhumuu Tokkummaan Mootummootaa Beeksise


Gaazexeessitoota deebi'ee banamuu hoospitaala tokkoo laalchisee ibsa mootummaan kennuuf demu gabaasuuf walitti qaban irratti haleellaa namoonni hidhatan banaaniin warri madaahe hoospitaala ciiciisanii mullatan, Poort-owu-Priins, Heeyitii, Muddee 24, 2024.
Gaazexeessitoota deebi'ee banamuu hoospitaala tokkoo laalchisee ibsa mootummaan kennuuf demu gabaasuuf walitti qaban irratti haleellaa namoonni hidhatan banaaniin warri madaahe hoospitaala ciiciisanii mullatan, Poort-owu-Priins, Heeyitii, Muddee 24, 2024.

Biyya Heeyitii keessatti hammaataa kan deeme haleellaa kashalabbootaan waggaa darbe namoonni 5,600 du’uu isaanii fi kunis kan bara 2023 1,000n jan caalu yoo ta’u, kumaatamaan kanneen lakkaa’aman ammoo madaa’uu ykn ukkaamsamanii butamuu isaanii Tokkummaan Mootummootaa Kibxata har’aa ibseera.

Kashlabboonni hookkara oofan kun magaalaa guddoo biyyattii Port-o-Piriinsiin to’atanii jiru. Biyyattiin hiyyeettii Kaaribiyaan kun waggoota kurnaaaf tasgabbi dhabiinsa siyaasaatiin jeeqamaa kan turte yoo ta'u, waggoota dhiyoo asitti immoo kashlabboota humni isaanii cimaa dhufeen jeequmsichi daran hammaate.

Tokkummaa Mootummootaatti hoogganaan dhimmootii mirga namaa Voolker Turk ibsa kennaniin, lakkoobsi kun qofti gochaalee suukaneessaa Heeyitii keessatti raawwataman ibsuu hin danda’u garuu kan nama irra ga’aa jiru jeequmsa wal- irraa hin cinne mul’isa jedhan.

Ergamni deeggarsa poolisii Keeniyaan durfamu, kan Yunaayitid Isteetisii fi Tokkummaa Mootummootaan deggeramu jiraatus, jeequmsi itti fufee jira.

Ibsi Kibxata har’aa akka agarsiisutti jalqaba baatii Muddee irra ajjeechaa hogganaa garee humna guddaa qabu Waarf Jeremee jedhamuun magaalaa guddoo biyyattii naannoo Sitee Solee’il keessatti raawwatameen yoo xiqqaate namoonni 207 ajjeefamaniiru.

Namoonni miidhaman hedduun isaanii maanguddootaa fi sirna amantii voodoo jedhamu irratti hirmaachuu isaanii fi hogganaan kashlabbootaa daa'ima koo summii nyaachisan jechuun waan himateef jecha. Shakkamtoonni kun gara "giddugala leenjii"tti geeffamanii erga ajjeefamanii booda hedduun isaanii qaamni isaanii gubatee jira.

Waajjirri dhimmootii mirga namaa kan Tokkummaa Mootummootaa bara 2024 keessa miseensota kaashlabbootaa fi namoota hidhata isaanii qaban 315 ajjeeffamuu galmeessee ture, yeroo tokko tokko ammoo poolisoota Heeyitiitu haala kana mijeessa jedhameera.

Meeshaan waraanaa gara Heeyitiitti yaa'u yeroo baayyee harka gareewwan yakkamtootaa seena, ba’iin isaa suukaneessaa fi kumaatamaan kanneen lakkaa'aman ajjeefamanuu, kuma dhibbaan kanneen lakkaa'aman qe'ee isaanii irraa buqqa'uu, bu'uuraaleen misoomaa fi tajaajiloonni barbaachisoo ta'an kanneen akka manneen barnootaa fi hospitaalotaa tajaajill isaanii adda kan cituu fi barbadaa'uuf sababaa ta’e jedhaan Turk.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG