Muummichi Ministraa Kaanadaa Jestin Tiruudoo, paarii isaanii fi biyya isaanii keessaa deggersa dhabaa erga dhufanii booda aangoo gad dhiisanii jiran. Doorsisa Pirezidaantiin filataman kan Yunaayitid Isteetis Doonaald Tiramp meeshaalee Kanaadaa irratti taarifa cimaa kaa’uuf dhaadatanii fi filannoo Kanaadaaf ji’oota muraasa qofaan hafee ennaa jiru kanatti Paartiin Tiruudoo Libaraal hogganaa haaraa argachuu qaba.
Tiruudoo hanga hogganaan haaraan Paartii Libaraal filatamutti muummicha ministeeraa ta’uun turuuf karoorfataniiru. Jeequmsi siyaasaa kun Kaanaadaadhaaf yeroo rakkisaa ta'etti kan dhufe dha. Tiraamp Kanaadaa kutaa 51ffaa jechuun waamuu kan itti fufan yoo ta’u, meeshaalee Kanaadaa hunda irratti taarifa dhibba irraa harka 25% akka kaa’an dhaadataniiru jedha gabaasi Associated Press.
Tiruudoon ministirri Maallaqaa Kiriistiiyaa Firilaandii, yeroo dheeraaf ministeerota isaanii keessaa akkaan cimoo fi amanamoo ta’an keessaa tokko kan turan ji’a darbe aangoo erga gad-dhiisanii booda dandammachuu hin dandeenye.
Kan umuriin waggaa 53, Tiruudoon, muummicha ministeera Kanaadaa beekamoo ta’an keessaa tokko yoo ta’an, baasii nyaataa fi gatiin mana jireenyaa ol ka’aa dhufuu akkasumas godaansi dabaluu dabalatee dhimmoota adda addaa irratti filattota biratti akkaan jaallatama dhabaniiru.
Hoogganaan Kaanaadaa inni itti aanu Amajjii 20 Tiraamp aangoo qaachuu isaanii dura moggaafamuu hin oolu.
Tiraamp taarifa jedhan yoo hojii irra oolchan wal dhibdeen daldalaa ka’uu mala. Kanadaanis ijaa ba’uuf dhaadattee jirti. Paartiin Libraal Bitootessa 24 utuu Paarlaamaan hojii hin jalqabin dura hoogganaa haaraa filachuu qaba. Sababiin isaas paartileen mormitootaa sadan mootummaa paartii Libraal sagalee amantaa dhabuutiin ni kuffisana waan jedhaniif jecha. Kun immoo fiannoon geggeessamuutti geessa. Hoogganaan haaraa filatame tarii yeroo dheeraaf muummicha ministeeraa ta’ee turuu dhiisuu mala.
Filannoon baatii Birraa keessa geggeessamuuf jiruu kan safuutti cichu paartiiin mormituu akka injifatu gargaaruu hin oolu.
Forum