Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Faransaay Imaanu’el Maakroon Yaadi  Biyyoota Afriikaa Ilaalchisuun Kennan Balaaleffatame 


Prezidaantiin Faransaay Imaanu’el Maakroon, Wiixata, Amajjii 6, 2-25.
Prezidaantiin Faransaay Imaanu’el Maakroon, Wiixata, Amajjii 6, 2-25.

Prezidaant Imaanu'eel Maakroon Kibxata kaleessaa michoota Faransaay kanneen Afrikaa Dhihaa keessatti hafan biraa lammiiwwan Afriikaa irratti tuffii agarsiisisan jechuu dhaan balaaleffannaan isaan mudatee jira. Kunis erga Maakroo biyyoonni Afrikaa waggoota kurna lamaan darbaniif waraanaa Faransaay gamasitti bobbaasuun lootee seentummaatti duuluu gargaaruu isheef ''galatoomaa jechuu dagataniiru'' jechuun himatanii booda.

Bara 2020 keessa Maalii keessatti fonqolchi mootummaa erga geeggeessamee booda Ferensaay kolonii isee duraanii Naannoo Saahel dhiya Afriikaa keessaaa bara 2021 Burkinaafaasoo keessaa bara 2022 Nigeer keessaa immoo bara 2023 loltoonni ishee akka loltoonni Ferensaay akka ba’an dirqisiisamaniiru. Raashaan dhiibbaa biyyoota sadan keessatti qabdu cimsaa ennaa deemtetti, Paaris Senegaalii fi Chaad waliin hariiroo gaarii qabdi turte. Garuu biyyoonni lamaan amma loltoonni Senegaal gamasii gad dhiisanii akka ba’an dirqisiisaniiru.

Ferensaay bara bulchiinsa prezidaant Firaankoos Holaandee, bara 2013 keessa lootee seentummaa Isaamummaatti duuluuf jecha Maalii fi naannoo Saahel keessatti waraana bobbaaste. Duula duraan Servaal booda irra immoo Barkaanee jedhamu keessatti loltoonni Ferensaay shantamii saddeet lubbuu dhabaniiru.

Maakroon Wixata darb haasawa ambaasaaddaroota Faransaayiif taasisaniin, "'galatoomaa' jechuu dagatan jedheen yaada. Homaa miti , yeroon ni dhufa," jedhan.

Bobbaasuu waraanaa kana ilaalchisee ''waan sirrii hojjenne,'' jechuun, osoo gidduu seenuun sun hin jiraanne , naannoleen naannoo Saheel keessaa tokkollee'' har'a mirga abbaa biyyummaa'' hin qabaatan turan jedhan. Maakiroon itti dabaluu dhaan fonqolcha mootummaa sababa geggeessaniifi kan nuti gamas dhaqne, sababiin isaas kan gamasitti argamneef Ferensaay akka dhaqxuuf mootummoonni gaaffii dhiyeessaniini jedhan. Ferensaay kana booda gamasii bakka hin qabdu, sababiin isaas hoogganoota fonqolcha mootummaa hin degerru jedhan. Angawoonni waraanaa kanniiin kuma tokkotti hedaman biyya Ariikaa Chaak keessatti kan argaman yoo ta’u achii ba’uuf adeemsi jalqabamee jira.

Prezidaantiin Chaad Mahaammat Idiris Debii Maakroon bara dogoggoraa keessa jiru jechuu dhaan tuffii isaan Afriikaa fi lammiiwwan isheetti agarsiisaniif aarii koo mul’isuun barbaada jedhan. Angawoonni waraanaa kanniiin kuma tokkotti hedaman biyya Ariikaa Chaak keessatti kan argaman yoo ta’u achii ba’uuf adeemsi jalqabamee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG