Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Gama Lixaa Kaalifoorniyaa Keessatti Ibiddi Ka’e Namoonni Kumaan Lakkaawaman Baqatanii Deeman Dirqisiise


Yunaayitid Isteetis Gama Lixaa Kaalifoorniyaa Keessatti Ibiddi Ka’e Namoonni Kumaan Lakkaawaman Baqatanii Deeman Dirqisiise
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:09 0:00

Kutaa Kaalifoorniyaa keessaa kanneen ibida dhaamsan naannoo Los Aanjeles keessatti ibidda bosonaa ka’ee qilleensaan oofamee babal’ataa jiru dhaamsuuf yaalaa jiran. Ibiddi kun manneen mancaasee jira, daandiiwwan cufamaniiru. Namoonni kurna kumaan laka’aman qe’ee dhiisanii baqataniiru. Angawoonni humni namaa fi meeshaaleen xiqqaachaa deemuu isaan halkan haalli isaa hammaataa adeemuu isaa eegaa jiraachuu beeksisan.

Assooshiyeetid Pires akka gabaasetti Kibxata gara galgalaa ibiddi ka’e kun dugdee magaalattii Kaaba gama bahaa iraa yoo ta’u, haala hamaa dhaan babal’ataa kan jiru yoo ta’u, waaltaa maanguddoonni keessa jiraatan keessaa hojjettoonni jiraattota Wiil Cheerii fi siree hospitaalaan gamasii baasaa turan. Sa’aatilee dura kan ka’e ibiddi ka biroon naannoo tulluu qarqara galaanaa kan jiru manneen jireenyaa namoota dureeyyiin heddumminaan jiru keessatti babal’atee ture.. namoonni hedduun nageenya isaaniif sodaachuun konkolaataa isaanii diisanii lukaan waan baqataniif daandiin cufamee darbuu hin dandeenye.

Viidiyoon daandii guddaa qarqara galaanaa Paasifikii irratti argamu akka agarsiisutti, daandii beekamaa kanarra manneen jireenyaa fi daldalaa bal'inaan barbadaa'uu agarsiisa. Jiraattuun Paasifik Paalisadees Kelsii Tireener akka jedhanitti, karaan ganda ishee seenuu fi bahu tokkichi cufamee ture. ibiddi daandii isana gam lamaan ennaa belbelu daaraan mana gubatee karaa irra tuulamee ture jedhan. Namoonni konkolaataa ofii keessaa ba’uu dhaan saree isaanii, daa’imaa fi borsaa baatanii bo’aa iyyaa turan jedhan.

Haalli kun kutaan ittisa balaa ibiddaa Loos Anjeles tarkaanfii hin baramne kan namoonni ibidda dhaamsan kanneen hojii irra hin jiraanne akka gargaaraniif waamicha akka dhiyeessu dirqisiise.. Xiyyaaronni ibidda dhaamsan balaliʼuuf qilleensi baayʼee waan tureef, ittisa ibiddaa kana akkaan gufachiiseera. Prezidaant Joo Baayiden imala kutaa Riversaayid jedhamu Kaalifoorniyaatti geggeessan sababaa ibidda kanaan kan hambisan yoo ta’u Los Aanjeles bakka ibiddi sun itti qabate fageenya irraa argan turan. Ejensiin qindeessa yeroo hatattamaa kan Federaalaa ibdidda kana dhaamsuuf baasii ba’u raggaasisee jira.

Forum

XS
SM
MD
LG