Xurree ittiin seenan

Breaking News

Du’aan Boqochuu Jiimii Kaarteer Sababeeffachuun Kamisini Har’aa Yuunaayitid Isteetis Keessatti Guyyaa Gaddaa Ta'ee Oole


Sirna yaadannoo fi geggeessaa Pireezidaantii Duraanii Jiimii Kaarteerif Naashinaal Kaaterdiraaliitti godhame, Waashingitan Diisii, Amajjii 9, 2025
Sirna yaadannoo fi geggeessaa Pireezidaantii Duraanii Jiimii Kaarteerif Naashinaal Kaaterdiraaliitti godhame, Waashingitan Diisii, Amajjii 9, 2025

Kamisa har’aa Yuunaayitid Isteeti keessatti guyyaan gaddaa biyyaaleessaa kan labsameeru yommuu ta’u waajjiraaleen mootummaa federaalaa cufaatti kan oolanii fi hooggantoonni biyyattii olaanoon Bataskaana Kaatederalii biyyaaleessaa kan Waashingitanitti argamuun pireezidaantii yuunaayitid Isteetisi 39 ffaa kan torbaan darbe umurii waggaa dhibba tokkotti du’an Jiimii Kaarteeriif sirna gaggeessaa taasiisu. Saanduuqni reeffa Kaarteer Alaabaa Yuunaayitid Isteetisi itti uffisameeru Kibxata darbe galma mana maree Isa Kaappitool jedhamu keessa kan kaa’ame yommuu ta’u namoonni bakka sanatti argamuun kabajaa fi gadda Kaarteeriif qaban agarsiisaniiru.

Kaarteer Pireezidaantoota duraanii keessaa kan umurii dheeraa jiraatan yommuu ta’u isaaniin booda kanneen aangoo pireezidaantummaa fudhataniiran namoonni kanneen amma lubbuun jiran Biil Kilintan, Joorji W. Buush , Baaraak Obaamaa, Doonaaldi Tiraampii fi Joo Baayideen sirna gaggeessaa kanarratti kan argamaniiran yommuu ta’u Pireezidaanti Joo Baayidenis haasaa galateeffannaa taasisaniiru.

Sirni gaggeessaa Kaarteer erga taasiifameen boodas reeffi isaa gara Kutaa Kibba biyyaattii Joorjiyaatti geeffamuun haadha warraa isaanii Rooiliin Kaarteer kan bara 2023 darbetti umrii isaanii 77 tti du’aniiran cinaatti awwaalama.

Forum

XS
SM
MD
LG