Naannoo Oromiyaa godina Horroo Guduruu Wallaaggaa Aanaa Sulula Finchaa’atti hojjettoonni dhaabbii fi kan yeroo Warshaa Sukkaara Finchaa’aa 450 ol hidhaman jechuun maatii fi hojjettoonni warshichaa Sagalee Ameerikaatti himaniiru.
Bulchaan aanaa sulula Finchaa’aa obbo Faantahuun Taayyee Sagalee Ameerikaatti akka himanitti Hojjettoonni kunneen lafa dangaa warshichaa keessatti hojii qonna seeraan alaa irratti bobba'aniiru jedhaman to'annoo jala oolan jedhan .
Sagaleen Ameerikaa dhimma hidhamuu hojjattoota kanaa ilaalchisuun hooggansa warshaa sukkaara finchaa’aa fi Korporeeshinii sukkaaraa Itoophiyaa irraa ibsa argachulusuf deddeebisee yaalus, deebii argachuu hin dandeenye.
Forum