Xurree ittiin seenan

Breaking News

Balaa Ibidaa Kutaa Yunaayitid Isteetis Kaaliifoorniyaa Muudateen Hanga Ammaatti Namoottan 10 Du'an


Balaa Abiddaa Loos Aanjeles keessatti dhaqabe, Amajjii 9, 2025.
Balaa Abiddaa Loos Aanjeles keessatti dhaqabe, Amajjii 9, 2025.

Balaa Abiddaa kana too’annoo jala olchuudhaaf dhaabileen ittisa balaa abiddaa lafaa fi samii irraa, halkaniif guyyaa hojachaa jiraachuu isaanii kan ibsan haanga’anni fayyaa, yemmuu abiddichii too’annoo jala oolu, lakoofsii namoottan du’anii dabaluu akka danda’u beeksisaniiru. Prezidaantiin Yunaayitid Isteets Joo Baayiden, masaraa Waayit Haawus irra ibsa kennaniin, labsii yeroo balaa olaanaa ta’e raggasisanii, namoottan balaa abiddaa Kanaan miidhamaniif mootummaa gargarsaa akka taasisuuf jiru beeksisaniiru.

Gargaarsa mootummaan ramade kanaan namoottan jireenya isaanii irraa buqa’aniif bakka boqonna guyaa 180f mijeesuuf, hojii qulquleesaa naanoo hojjachuuf, wareen abiddichaa too’achuudhaaf bobba’aniif, kaffalitii dabalataa kennuuf kan oolu akka ta’e beekameera. Itti aantuu prezidaantiin Kaamiilaa Haaris ibsaa Joo Baayiden kenna kana irra kan turan yemmuu ta’u, bala Kanaan miidhaan qaqqabe rakina waggootan gabaabaa keessatti furuu hin dandeenye akka uumee ibsaniiru.

Kutaa Kalifoorniyaa irraa kan ta’an Kamilaa Haariis, mannii jireenyaa isaanii, bakka namoonni gadi dhiisanii akka bahan ajajaman keessaa kan jiru yemmuu ta’u, bala abiddaa kanaan midhaan irra gahuuf dhiisu isaa irratti wantii beekamee hin jiru. Balaa Kanaan walqabatee namoottan kuma 100fi kuma 80 ta’an akka jireenyaa isaanii gadi lakkisanii bahan taasifameera. Namoottan kuma 200 ta’an immoo akka bahaa jiran ibsameera.

Akka kutaan eegunsa bosonaa Kalifoorniiyaa beeksisetti, bosonni lafa Heektaara kuma 11 fi 750 ta’u irra ture abidda Kanaan mancaa’eera. Mannoottan jireenyaa kuma Shanii ol ta’an balla kannankan kan gubatan hemmuu ta’au, dhaabbileen adda adda kuma 28 ta’anus barbadaa’un isaanii gabbasameeraa.

Mannoottan balaa Kanaan amma ammaatti mancaa’an doolaara Biiliyoona 8ti kan tilmaamaman akka ta’es ibsaameera. Yemmuu namoottan mana isaanii dhiisanii baqqataan wareen hannaa fi saamichaa raawwtan baayachuu isaanii kan ibsaan haanga’onni, amma ammaatti dhimma Kanaan walqabatee namoottan 20 ta’an too’annoo jala oolfamuu isaanii beeksisaniiru.

Karaa biraatiin, balaa Abiddaa US quunamee Kanaan miidhaan qaqqabee akka isaa gadisiise minsteerri dhimma alaa mootummaa Ityoophiyaa fuulaa miidiyaa hawaasaa X irratti ibsaa maxanseen beeksisuun isaa beekameera.

Forum

XS
SM
MD
LG