Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirri Namoonni Qehee Ofii Irraa Buqqa'an Akka Qehee Ofiitti Deebi'an Gaafatu Magaalaa Maqaleetti Geggeessame 


Hiriirri Namoonni Qehee Ofii Irraa Buqqa'an Akka Qehee Ofiitti Deebi'an Gaafatu Magaalaa Maqaleetti Geggeessame 
Hiriirri Namoonni Qehee Ofii Irraa Buqqa'an Akka Qehee Ofiitti Deebi'an Gaafatu Magaalaa Maqaleetti Geggeessame 

Hiriirri mata dureen isaa “ni ga’a “jedhu kan namoonni qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiran gara qe’ee isaaniitti akka deebi’an gaafatuu magaalaa Maqaleetti taasifameera.

Wal waaraansa Kaaba Itiyoophiyaa keessa ture hordofee namoonni qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiran gara qe’ee isaaniitti haa deebifaman kan jedhu Hiriiri nagaa guyyoota Sadiif tura jedhame Wiixata har’aa magaalaa Maqalee Addabaabayii Roomaanaat irratti taasifameera. Wal waraansicha hordofee naannoo daangaa Bulchiinsa mootummaa naannoo Amhaaraa fi Tigiraayitti bakkoota falmisiisoo ta’anirraa kanneen qe’ee isaaniiraa buqqa’aniiran gara qe’ee isaaniitti akka deebifaman , kanneen buufata baqqattootaa keessa jiranii fi Sudaaniitti baqatanii jiran akka deebifaman gaffachuu akka ta’e qindeessitoota hirriira kanaa keessaa tokko kan ta’e Gu’uush Attaalay Sagalee Ameerikaatti himeera. Hiriirichi qindeessummaa Dhaabbata Siivilii Tsilaal Mi’iiraab Tigiraay jedhamuun akka qophaa’e kan hime Gu’uush addemsichi nagaa qabeessaa fi kaayyoo dhaaba siyaasaa kamiyyuu kan raawwachiisu miti, hooggantoonni naannichaa hundinuu nu gananiiru, buqqaatonni dararaa irra jiru jechuunis ibseera.

Aadde Kidaan Girmaay Qaaftaa Humaraa ganda Adebaay irraa buqqa’uun Waaggota Afran darbaniif buufata baqattoota keessa jiraachaa akka jiran sagalee Ameerikaatti himanii akkaataa walii galtee Piriitooriyaatti gara q’ee keenyaatti akka debifamnu gaafachuuf hiriira har’aa kanas ba’eera jedhani.

Hiriira mata duree ni ga’a jedhamee guyyoota Sadiif ture jedhame kan Addabaabayii guddicha magaalaa Maqalee keesaa Romaanaatti taasimaa jiruun daandiiwwan gara Addabaabayii kantti geessan cufamaniiru.

Hiriira nagaa kana kan ilaaleen bulchiinsi yeroo naannoo Tigiraay ibsa baaseen hiriiricha akka deeggaruu fi hojii isaafis deeggarsa akka ta’etti akka fudhatus ibseera. Buqqaattota gara qe’ee isaaniitti deebisuuf isa Kanaan duraa caalaa xiyyeeffannaan hojjetamaa akka jiru kan ibse bulchiinsi Yeroo naannichaa , adeemsi isaas Uummataaf ni ifoomsama jedheera. Namoota qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiran deebisuuf mootummaan Federalaa akka walii galtee

Piriitooriyaatti akka hojjetuuf Gamtaan Afirikaa , Yuunaayitid Isteetisi , Gamtaan Awurooppaa fi dhaabbileen Idi Addunyaa biroon akka dhiibbaa irratti godhanis gaafateera jechuun Malqalee irraa Muluugeeta Astibahaatu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG