Xurree ittiin seenan

Breaking News

Moozaambik Keessatti Har'a Paarlaamaan Haaraan Prezidaantii Haaraa Sirna Hirbuu Raaw'achiise 


Moozaambik Keessatti Har'a Paarlaamaan Haaraan Prezidaantii Haaraa Sirna Hirbuu Raaw'achiise 
Moozaambik Keessatti Har'a Paarlaamaan Haaraan Prezidaantii Haaraa Sirna Hirbuu Raaw'achiise 

Moozaambikitti Paarlaamaan haaraan Wiixata har’aa pireezidaantii haaraa sirna kakuu kan raawwachiise yommuu ta’u hoogganaan paartii mormituu kan filannichi waliin dhahameera jechaa ture immoo mormiin hojii dhaabuu akka taasiifamuuf waamicha dhiyyeesseera.

Moozaambikiitti filannoo gaafa Onkolooleessa 9 bara 2024 taasifame hordofee kaadhimammaan paartii biyya bulchuu Daani’eel Chapoo pireezidaantummaaf mo’chuu isaa Komishiiniin filannoo beeksiisuu isaa hordofee biyyattii keessatti gama paartii mormituun filannichi waliin dhahameera jechuun jeequmsi ka’ee lubbuu namoota 200 ol erga galaafateen booda, Wiixata har’aa Paarlaamaan haaraa fi pireezidaantiin haaraan sirna mootummaa haaraa hojii jalqabsiisuu taasisaniiru.

Sirna kakkuu raawwannaa pireezidaantii haaraa fi hojii jalqabuu paarlaamaa haraa wiixata har’aa irratti paartileen siyaasaa xiixiqqoon lama kan filanichaan bakka bu’oota filachiisaniiran argamuu kan dhiisan yommuu ta’u Pireezdaantiin haaraan Daani’eel Chapoo immoo tasgabbii fi tokkummaaf waamichaa dhiyyeeseera.

Hoogganaan paartii mormituu kan Moozaambiiki keessatti keessumaa dargaggoota biratti fudhatama qabu Venaansiyoo Manleenee immoo guyyoota sanbattan darban kanatti wiixaata hanga jimaataatti uummanni mormii hojii dhaabuu akka taasiisu waamiccha dhiyyeesseera.

Galma paarlaamaa Moozaambikitti humni waraanaa fi poolisii marsee eegaa kan jiru yommuu ta’u maagaalaan gudditti biyyattii yeroo kaan guyyaa Wiixataa ganama namootaan ho’itu har’a garuu suuqiiwwan baay’een cufaatti kan akka jiranii fi bakkoota muurasaattimmoo mormitoonni daandii cufanii akka jiran Ajaansi firaansi Pirees gabaaseera.

Sirna kakuu pireezidantii haaraa har’aa irratti Pireezidaantiin aangoo dabarse Filippee Niyusii fi pireezidaantiin haaraan Daani’eel Chaapoo paartii biyyattii waggoota 50’f bulche irraa kan teessoo paarlaamaa 171 mo’aate irraa argamaniiru. Akkasumas Paartiin Podemoos kan teessoo paarlaamaa 43 argateeru sirna kanarratti argameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:52 0:00
More
XS
SM
MD
LG