Hojjettoonni to’annaa balaa Ibidaa Kaalifoorniyaa Kibbaatti balaa Ibiddaa Uumammee jirau to’achuuf Wiixata ar’aas waldhaansoo wal qabaa jiru.
Kaalifoorniyaa Kibbaatti balaa Ibiddaa Uumamee jiru to’achuuf hojjettoonni to’annoo balaa Ibiddaa Wiixata har’aas waldhaansoo kan wal qabaa jiran yommuu ta’u akka raagni qilleensa agarsiisuttimmoo buubbeen cimaan ammas dhufaa waan jiruuf balaan Ibiddaa kun dabaluu akka malu akeekkachiisaniiru. Tajaajilli raaga haala qilleensaa biyyaaleessaa akeekkachisa kenneen keessummaa Kibxata boorii kana qilleesni buubbee cimaa kan tti fufinsa qabu sa’aatii tokko keessatti Kiiloomeetira 80 fi 110 saffisu akka jiraatudha. Kunis balaa Ibiddaa kana hammeessuu akka danda’udha. Haalli qilleensa gaogaa fi qilleensa buubbisu of keessaa qabu Ji’oota Saddeetan darbaniif naannoo rooba hin argatiin ammas hommaa mallattoon roobaa kan hin mul’anne balan Ibiddaa torbaan darberraa kaasee uumameen hanga ammaatti lubbuun namoota 24 yommuu darbu qabeeny doolaara biiliyoonaan tilmaamu akka manca’u taasiiseera.
Haalli qilleensa isaa inni bubbisu guyyoota darbanitti ahanga tokko tasgabba’ee kan ture to’attoonni balaa Ibiddaa Xiyyaaraan deeggaramuun akka dhaamsaniif hanga tokko isaan gargareera. Naannoo Loosanjeeleesitti bakkoota sadiitti ammayyuu Ibiddi gubaa kka jiru Lafa Iskiweer Kiloomeetirii 96 guutummaan gubeera. Naannoo kana kan jiraatan namoonni Kuma dhibba tokko haaraan gadhiisanii akka ba’an Dilbata kaleessaa Akeekkachiisni itti kennameera.
Forum