Dallaa yeroof ijaaramee kan bifa gurraacha qabuu yoo walitti qabatee lafa irra dalga kilo meetra 48 ta’u, qondaaltota seera kabachiisan 25,000 fi buufataalee sakatta’iinsa nageenyaa daawwattoota kuma dhibbaan lakkaa’amaniif adeemsisuuf kan qophaa’ee jira.
Wiixata dhufu sirna gamoo mana maree bakka bu’oota Yunaaytid Isteetis ykn Kaappitoolii kan Yunaaytid Isteetis biratti irbuu seenuun gara masaraa Waayit Haawusitti hiriiruu kun, dhuma torbee dabree irratti mormitoota Tiraamp fi paartilee akkasumas hiriira deeggartoota Rippabilikaan kan agarsiisu hordofee dhufa.
Sirnii Hirbuu seenuu kun, duula lubbuu Tiraamp irratti yaaliiwwan lama - kan nama ajjeesuu barbaadu kan rasaasaan gurra isaa rukutee dabalatee haleellaa lamaan guyyaa waggaa haaraa Ameerikaa idilee irratti raawwatame hordofee kan dhufe dha.
Yaalii isa Tokko keessatti, namni waraana Amerikaa durii tokko konkolaataa fe’umsaa namoota ayyaana waggaa haaraa New Orleans keessatti kabajan irratti rukutee namoonni 14 du’aniiru, kurnootaan kan lakk’aman immo ammoo madaa’aniiru.
Guyyaadhuma sana loltuun Waraana Amerikaa hojiirra ture tokko hoteela maqaa Tiraamp qabu Laas Veegaasitti argamuun alatti konkolaataa Tesla Cybertruck jedhamu keessatti dhoohinsa dhaqqabsiseen of ajjeese.
Itti gaafatamaan bakka bu’aan addaa Tajaajila Tikaa kan Ameerikaa Maatii Maakool ibsa gaazexeessitootaaf Wiixata kaleessaa kennaniin, “haala soda olaanaa keessa jirra,” jedhan.
Sirnii Hirbuu seenuu kun , yeroo Tiraamp miseensota Kongireesii, kan Mana Murtii Olaanaa, bulchiinsi isaanii haaraa dhufuu fi namoota kuma kurnoota hedduutti lakkaa’aman ilaalan waliin, gamoo Kaapitool fullee , Siidaa Waashingitan ykn moonuumnt fuulduratti ilaalaa kan raawwatamu ta’a.
Iddoo’uuma kanatti ture,Amajji 6, bara 2021, deeggartoonni Tiraamp kumaatamaan lakkaa’aman foddaa cabsanii, poolisii waliin wal lolanii seera tumtoota lubbuu isaanii baraaruufakka dheessan gocuun, filannoo bara 2020 Pirezidaantii paartii Dimookiraatotaa Joo Baayideniin mo’amuu isaanii kuffisuuf itti Yaalaniidha.
Forum