Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaalifoorniyaa Keessatti Hojjetoonni Balaa Ibiddaa Dhaamsan Ibidda Haaraa Ka’uu Maluuf Qophii Cimaatti Akka Jiran Ibsame  


Kaalifoorniyaa Keessatti Hojjetoonni Balaa Ibiddaa Dhaamsan Ibidda Haaraa Ka’uu Maluuf Qophiitti jiru
Kaalifoorniyaa Keessatti Hojjetoonni Balaa Ibiddaa Dhaamsan Ibidda Haaraa Ka’uu Maluuf Qophiitti jiru

Namoonni ibidda dhaamsan Kaalifoorniyaa keessaa humna namaa fi meeshaalee haaraa cimsaan deeggaraman Kibxata har’a ibidda bosonaa haaraa ykn hammaataa dhufuu danda’u Kaalifoorniyaa kibbatti mudachuu danda’uuf qophaa’anii jiru.

Kunis akeekkachiisa qilleensa cimaa fi haala gogiinsaa ykn caamnii jiru gidduutti.

Tajaajilli raaga Haala Qilleensaa Biyyaalessaa akka jedhetti, qilleensi Kibxata har’a sa’aatii tokkotti km 100 ol fiiguu ta’uu danda’a, kunis naannoo bal’aa Kaalifoorniyaa gama kibbaa akeekkachiisa balaa ibiddaa hamaa jala galcheera.

Hogganaan ittisa balaa ibiddaa kan konyaa ykn Kaawuuntii Los Anjalas Antonii Marron Wiixata kaleessaa akka jedhanitti, namoonni ibidda dhaamsan torban darbe yeroo ibiddi bosona walitti fufiinsaan saffisaan ka’e caalaa amma “qophii gaarii” qaban. Garuu qilleensi ha,aan kun aangawoonni xiyyaarota tattaaffii ibidda dhaamsuuf murteessaa ta’an lafaa akka kaa’an dirqisiisuu danda’a.

Torban darbe keessaa daangeffamni akkanaa hanaga tokko kan ture yoo ta’u, kunis ibiddi gurguddaan bakka afurtti gubanti ture. Ibiddi sun walitti qabamee lafa iskuweer kiiloo meetira 160 ol gubee jira.

Namoonni abidda dhaamsan ibidda tokko guutummaatti to’achuu kan danda’an yoo ta’u, Los Anjalas Kaabaa bakkabiraatti dhibbeentaa 97 to’atameera.

Ibiddii guddaan lanma amma iyyu balaa geesiisa yaaddoon jedhu jira.

Forum

XS
SM
MD
LG