Naannoo guddicha kan Kaartuum keessatti dhukaasa banameen yoo xiqqaate lubbuu namoota 120 darbuu Tola ooltonni baraarsaa kan sudaan Sudaan ibsanii jiru.
Kunis, waraanaa biyyattii fi humna milishaa gargaaraa gidduutti sadarkaa biyyaatti wal waraansii hammaataa dhufeenii.
Kutaan deebii hatattamaa Ombaadaa, kan qaama caasaa tola ooltota baraartoota guutuu biyyattii keessaa, akka jedhutti, ''dhukaasa tasaa'' Wiixata kaleessaa magaalaa guddoo biyyattii laga Naayilii ce'ee jirtu, Omdurman dhihaa keessatti raawwatameen, lammiileen nagaa 120 du'aniiru.
Dhaabbanni oduu Faransaay Ajaans Fraans Prees haleellaa kana duuba eenyu akka jiru hin ibsine jedha.
Ebla bara 2023 irraa eegalee Sudaan humnoota jeneraalota wal morkatan kanneen to’annoodhaaf wal dorgoman gidduutti wal waraansa keessa turte.
Omdurman harki caalaan isaa to'annoo waraanaa biyyatti jala kan jiru yoo ta'u, Humni Deeggarsa Saffisaa (RSF) kan morkataa ta'e Kaartuum Kaabaa fi naannoolee magaalaa guddoo biyyattii biroo tokko tokko qabatee jira.
Forum