Muummeen Ministeeraa Israa’el Beenjamin Netaniyaahuun Hamaas waliigaltee dhukaasa dhaabuu Roobii kaleessaa irra gahame laalchisee duubatti deebi'aa jira, jechuudhan, amma gareen hidhattootaa kun qaamolee hunda waliigalticha keessa jiru fudhatutti kaabineen isaanii walgahii karoorfame irratti akka in hirmaanne beeksisan.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuun dhimmoota baayyee of keessaa qabu kun mariin ji’ootaaf erga gaggeeffamee booda Roobii kaleessaa ifa godhamuudhan Dilbata dhuftu akka raggaasifamu ibsamee ture.
Kraa biraatiin hojjattoonni fayyaa Palestaayin humnoonni Israa’el haleellaa qileensarraa Gaazaa keessatti geggeessuu beeksisaniiru.
Forum