Biyoonni lamaanuu adeemsa nageenya eegsiisuu irratti ga’ee Itiyoophiyaan qabaattuu irratti akkasumas Ambaasaddaroota biyyoota lamaanii deebisanii muuduun hariiroo dippiloomaasii isaanii gara duraan turetti deebisuuf walii galteerra ga’uu isaanii ministirri haaja alaa Itiyoophiyaa ibsa har’a sabaa himaaleef kenneen beeksiiseera. Dubbi himaan ministira haajaa alaa Itiyoophiyaa Nebiyaat Geetachoo ibsa kennaniin torbaan darbe Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasen Shssk Mohaammuud Itiyoophiyaa wayia daawwatanitti dhimoota walii galteerra ga’ame keessaa tokko dhimma nagaa eegsiisuu akka ta’edha. Hooggantoonni biyyoota lamaanii nagaa Somaaliyaa keessaa eegsiisuu irratti ga’ee humni waranaa Itiyoophiyaa ba’aachaa turee fi jiru akkasumas kan gara fuula duraa irratti walii galteerra ga’aniiru.
Itti dabaluunis Itiyoophiyaan guyyaa dhiyootti Ambaasaddara Muuduun gara Moqaadishootti ergitis jedhaniiru. Somaaliyaa fi Itiyoophiyaan Hariiroon isaan gidduu ture gara wadhabdee dippiloomaasiitti kan jijjiirame waggaa darbe Itiyoophiyaan walii galtee wal hubannaa kan hulaa galaanaa ishee fayyadchisuu Somaalii landi waliin mallatteessiteen boodadha.
Forum