Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen Doktoroota Daangaan Hin Uggurree Hojiiwwan Sudaan Kibbaa Kutaalee Lama Keessaa Dhaabuu Beeksise


FAAYILII- Mallattoo doktoroota daangaan hin uggurre
FAAYILII- Mallattoo doktoroota daangaan hin uggurre

Gareen doktoroota daangaan hin dhorkin inni Doktors without borders ykn MSF jedhamuun beekamu Kamisa har’aa ibsa baaseen hojjeettoonni koo Ja’a Roobii kaleessaa laga isa naannoo aapper Naayili jedhamu kan Kaaba baha biyyattiitti argamu irra imalaa jiranii halleellaan garee hidhataniin irratti raawwatameera. Hojjettoonni kunneen meeshaalee deeggarsaa Hospitaalaaf kennanii yommuu deebi’anitti haleellaan kun kan irratti raawwates jedheera.

Hojjettoonni koo kunneen bidiruun bishaanicha irra imlaa osoo jiranii nama hidhate kan eenyuummaan isaa adda hin baaneen dhukaasni itti banameen bidiruu sanarraa gara bishaan keessatti utaaluuf dirqamaniiru jedhee uffata of eeggannoo uffatanii jiraniin daakanii gara ganda olla jiruutti baqachuu danda’aniiru. Hojjetaa tokko irra immoo miidhaan ga’eeras jdheera.

MSF tti daarikteera ergama biyyaaleessaa kan ta’e Zakkaariyaa Maatiyaa hojjeetoota eegumsa fayyaa irrati halleellaan akkanaa raawwatamuun fudhatama hin qabu jedhee Sudaan Kibbaa bakka dhaabbileen gargaarsaa socho’an keessatti rakkoo uummuu malas jedheera. Kanarraa ka’uunis dhaabni keenya naannoowwan fagoo ta’an Naasiirii fi Ulaangi keessatti gargaarsa kennu dhaabeera jedheera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG