Miidiyaan hawwaasaa Tiktookiin kan abbaa qabeenyaa Chaayinaa Baayitdansiin hoogganamu abbaa qabeenyaa Yuunaayitid Isteetisitti dabarsee yoo hin gurgurree ykn Manni murtii ol aanaa Yuunaayitid Isteetisi gidduu yoo hin seenne Dilbata dhufu kana Yuunaayitid Isteetisi keessatti ni cufama. Uggurri kunis maddi isaa seera ji’a Eebilaa darbe keessaa Pireezidaanti Joo Baayidan mallattesse yommuu ta’u Yuunaayitid Isteetisi AAppii fayyadamtoota guddaa qabu nan cufa kan jette kun isa jalqabaati. Tiiktokiin fayyadamtoota biyya keessaa tilmaamaan miiliyoona 170 kan qabudha.
Tiiktookiin Yuunaayitid Isteetisi keessatti karaa seera qabeessaan cufuu isaa yoo hin beeksiifneyyuu Appilii fi Googiliin Aappicha , app-istoorii isaanii irraa akka haqanidha. Daataan Serverii fayyadamtoota Tiiktookii kan Yuunaayitid Isteetisi keessaa bira ga’u karaa Serverii Orakilin yommuu ta’u ogeeyyiin baay’een innis tarkaanfii fudhachuu akka qabu amanu. Dhimma kana kan ilaaleen Orakil, Appilii ,Googilii fi Tiiktookiin gafatamanii hanaga ammaatti deebii hin kennene.
Akka xinxaloonni agarsiisanittimmoo tajaajila kennitoonni kanneen akka Neetwoorki qabiyyee dabarsuu fa’aa Tiktokiin akka itti fufu gargaaruu dand’u kan jedhudha.
Forum