Xurree ittiin seenan

Breaking News

Embasiin Venezuweelaa Kan Biyya Noorweey Cabsamee Saamamuun GabaasamE


Embasiin Venezuweelaa Kan Biyya Noorweey Cabsamee Saamamuun Gabaasame
Embasiin Venezuweelaa Kan Biyya Noorweey Cabsamee Saamamuun Gabaasame

Tajaajilli basaasaa biya keessaa Noorweey erga Imbaasiin Veenzuweelaa cabsamuun saamamuun gabaafamee guyyaa tokkoon booda ibsa baaseen Yakkamtoonni eenyummaan isaanii hin beekamne Magaalaa Osilootti kan argamu Imbaasii Veenzuweelaa cabsanii seenuun meeshaalee isaa saaman irratti qorannoo jalqabeera jedhe.

Ministirri dhimma alaa Veneezuweelaa Yavan Gil Pinto suuraalee sadii fuula miidiyaa hawwasaa Inistaagiraamii irratti maxxanse akka agarsiisutti biiroon keessi kan manca’eeru fi saanduqoonni banaa yommuu ta’an lafa irrattimmoo faca’anii argama. Barreeffama maxxanseenis waajjirri keenya Dippiloomaasii muummee kan Noorweey Oosiloo jiru qaamolee Faashistii fedhii eenyyuun deebisuuf ifa kan ta’e mancaasaniiru jedhe. Itti dabaluunis kanneen fedhii uummata Veneezuweelaa irratti halleellaa raawwatan biyyittii fi Addunyan beeka jedhee angawoonni Noorweey kanneen haleellaa kanaaf iti gaafaman akka barbadus gaafateera.

Veneezuweelaatti filannoo Pireezidaantii Ji’a Adooleessaa darbe gaggeeffameen pireezidaantiin biyyattii bulchaa jiru kan moo’achuun himameef Nikoolaas Maduroo torbaan darbe siran kakuu raawwachuun marsaa sadaffaaff itti fufeera. Paartiin mormituu immoo ammallee filannicha akka moo’atetti himata.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG