Bulchiinsa naannoo Tigraay magaala Aksum keessatti kan argaman mannoottan baruumsaa Afur keessatti ijoolleewwan durbaa amnataa Islaamaa hordofan akka hijaaba aguuggatanii mana baruumsaa hin seenee dhorkamuu isaanii balaaleffachuudhaan qibxata har’aa Amajjii 21 bara 2025 hiriirri mormii magaala Maqalee keessatti taasifamee jira.
Namoottan kumaatamaan lakawaman hiriiraa magaala Maqalee kessatti taasisan Kana irratti hirmaatan ” Hijaabas ni uffattii, baruumsas ni baratti “ dhaadannoo jedhuu dhageessisaa kan turan yemmuu ta’uu, murtoon mannii murtii magaala Aksumii fi biroon barnootaa kutaa Tigraay akka baratoonni Hijaaba geeyyatanii baratan dabarsee akka hojii irra olu gaafachuun isaanii beekameera.
Prezidaantii mana maree dhimma Islaamummaa naannoo Tigraay kan ta’an Shek Adem Abdulqaadiir Juhaar, wagga kuma tokkoo fi 400 duraa namoottan amantaa Isilaamaa hordofaan simatee bakka keesummeese Tigraay keessatti wanti akkanaa raawachuun waan nama gadiisiiu ta’uu isaa ibsanii, hordooftoonni amntaa biroo dhimichii akka furmaata argatu yaalii taasisa jiran galateeffachuun isaanii gabaasameera.
Jiraata Magaala Aksum kan ta’aniifi hiriira kana irratti kan hirmaatan obbo Nasrediin Musxafaa ijoolleewwan isaanii akka mana baruumsaa hin seenne dhorkamuu isaanii ibsanii, ajaja kana kan dabarsan hoggantoonni dhimmaa baruumsaa itti gaafatamummaa seeraatti dhihaachuu akka qaban gaafataniiru.
Bakka bu’oonni hirmaatota hiriira kanaa prezidaanti bulchiinsaa naannoo Tigraay obbo Geetacheewu Raddaa wajjin wal arganii marii taasisaniin, bulchiisinii isaanii dhimmichaa irratti furmaata atattamaa keenuu dhisuu isaatiif obbo Geetaacheewun dhiifama gaafatanii rakkinichi dhiheenyatti akka furmaata argatu beeksisuu isaanii Mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa gabaaseera.
Forum