Akka dhaabbileen gargarsaa jedhanitii, haleellaa Kaaba Daarfuur naannoo El-Faasheer jedhamu keessatti meeshaa waraan gurgudaadhaan mooraa namoottan beelaa jalaa baqatan keessa qubatan irratti raawwateen siviilonni 16 du’anii, 18 immoo madaa’anii jiru.
Akka gareen hojii deebii atattamaa dabalee ibsetti, gareen umna dafee qaqqabaa ykn “RSF” jedhamee beekamuufi ji’a Ebilaa bara 2023 jalqabee waraana mootummaa Sudaan wajjin lola irra jiru, balaa kan kan geesisee bakka gabaa mooraa buqaatotaa Abu Sho’uuk jedhamu irratti.
Naannoon El Fashaar bakki namoottan miiliyoonii lamaa ol ta’an keessa jiraatan ji’a Caamsaa darbee jalqqabee too’annoo waraan RSF jala akka jiru kan ibsee gabaasinni madda oduu Ajaans Firaans Prees/AFP, Abu Sho’uukn dabalatee mooralee buqaatotaa Sadii kaabaa daarfurr keessatti argaman balaa beelaatiif saaxilamuu isaanii jaarmiyaan gargaarsaa dhaabbata mootumoota gamtoomanitiin degramuu beeksisee jira.
Yeroo ammaa guutummaan kutaa Daarfuuri fi kutaan Kordoofaan kaabaa jedhamee beekamuu too’annoo umna waraanaa RSF jedhamu jala akka jiru AFP gabaaseera.
Forum