Doonaald Traamp ajajootaa Prezidaantummaa malateessaan keessaa Yunaayitid Isteetsin daabata Fayyaa Adduunyaa fi waligaltee hala jijjirama qileensaa bara 2015 Paaris keessatti boyyoottan adduunyaa 200 oliin malateefamee keessaa basuun kannee jiran yemmuu ta’u, gargaarsaa Yunaayitid Isteets kalatiidhaan biyyoottan alaatiif taasuftus yeroo muraasaaf akka dhaabbatu ajaja kennaniiru.
Traamp Ajaja addaa dhimmaa godaantotaa irratti malateessaniin, halaa yeroo atattamaa daangaa Yunaayitid Isteetis fi Meeksikoo irratti labsuu dabalatee , koola galtummaa dhaabuu fi ijoolleewwan maatiiwaan biyya biraa irraa Yunaayitid Isteets keessatti dhalataniif mirga lamumaa argachuu hambisuu akka ta’e beekameera.
Imaammata “Amerkaan Haadursitu” jedhu kan leelisan Doonaald Traamp, imaammatiin biyaa alaa Yunaayitid Isteets, akka dantaa biyyaa irratti hundaa’ee hojii irra oluu ministiraa dhimma alaa bulchiinsaa isaani Markoo Ruubiyootif qajeelfamnii kennamuu isaas beeksisaniiru.
Waa’ee godaantota seeraan alaa fi qorchaa samuu namaa adoochu gara Yunaayitid Isteetesti galchuu irrattis halli Kaanadaa, Meeksikoo fi Chaayinaa giduu jiru akka xiyeeffannan addaa itti kennamu Doonaald Traamp ajaja kenuun isaanii beekameera.
Forum