Doonaald Traamp gargaarsaa Yunaayitid Isteets jaarmiyaa mootummoota gamtoomanii, dhaabbata fayya adduunyaa/WHO dhaaf taasiftuu dhaabuudhaaf kan murteessan, dhaabbatichii yeroo dhibee Koovid 19 wantii innii hojjatee gaarii akka hin taane qeequudhaan yemmuu ta’u, biyyi Chaayinaa amma Yunaayitid Isteets dhaabbatichaas gumaachituu kennaa hin jirtu jechuudhaans himataniiru.
Dhaabbataa fayya adduunyaatiif gargaarsaa harka caalaa kan keennituu Yunaayitid Isteets akka dhaabbaticha dhiifetee baatu murteesuun waan gaddisiisaa akka ta’e dubbii himaan dhaabata fayya adduunyaa Taarik Jasareevik ibsaa Jeeneevaa keessaatti kennaniin beeksisaniiru.
Dhaabanii fayya adduunyaa nageenyaa fi fayyaa ummata adduunyaafi gahee guddaa taphachuu isaa kan ibsan dubbii himaan dhaabbata fayya adduunyaa, haala bulchiinsii Traamp murtoo isaa irra deebi’ee ilaalu irratti akka mariin taasifamu abdii qabaachuu isaanii himaniiru.
Murtoo Doonaald Traamp kana hordofuudhaan ibsa kan Keenan dubii himaan ministeeraa dhimma alaa mootummaa Chaayinaa Gu’oo Jiyaakuun “gaheen Dhaabbata fayyaa Aduunyaa jabaachuu malee dadhabuu hin qabu” jechuudhaan biyyi isaanii gargarsaa dhaabbatichaaf taasiftu akka itti fuftuu beeksisaniiru.
Bulchiinsa prezidaant Baarak Obaamaa keessatti haanga’a ol anaa dhimmaa fayyaa kan turan Toom Frideen, dhaabbanii fayya adduunyaa akka bu’a qabeessa ta’u taasisuun, dhiisaan bahuudhaan akka hin taane yaada fuulaa midiyaa hawaasa X irratti kennaniin ibsuun isaanii beekameera.
Yuuniversitii Joorjtaaawonitti, profeeseraa seeraa fayyaa ummataa kan ta’an Lawreens Gostiin gama isaaniitiin “ dhaabata fayyaa addunyaa keessaa bahuun nageenyaa fi dorgommii kalaqaa Yunaayitid Isteets irratti miidhaa guddaa akka uumu ibsuudhaan yaada kennuun isaanii gabaasameera.
Forum