Caaseffamni Godina haaraa Boorana Bahaa fi Gujii barnoota irratti dhiibbaan uume itti fufeera jedhan barattoonni fi maatiin barattoota aanaa Gooroodolaa. Naannoo Oromiyaa Godina Boorana Bahaa duraanii godina gujii keessatti kan caaseffamee jiru gooroo dolaatti barattoonni 10 fi barsiisaan tokko tibbana hidhamuu barattoonni fi maatin barattootaa sagalee Ameerikaaf himanii jiru.
Sababni itti hidhamanis unkaa qormaata biyyoolessaa xummura kutaa 12ffaa aanaa Gooroo Doolaa godina boorana jechuun maxxaanfamee barattootaaf raabsameen hokkorri ka’ee manneen barnoota aanichaa ammallee manneen barnootaa cufamaniiru jedhan matii fi barattoonni Sagalee Ameerikaaf yaada kennan.
Bulchaan aanaa Gooro Doolaa obboo Ariitii Jaarsoo manneen barnoota muraasni cufamuu fi namoonni hokkora kana kakaasaniiru jedhaman hidhamuu himaniiru.
Forum