Marii Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa waliigaltee biyyaalessaa irratti fuuleffachuun gaggeesseen, adeemsa kanaaf haala mijataa uumuuf walitti bu’iinsi akka dhaabbatu hirmaattoni gaafataniiru.
Hirmaattota keessaa tokko kan ta'an Jeneraal raayyaa ittisa biyyaa, "Kana booda ummannis nutis akka jeeqamnu fi wareegama baasuu hin barbaannu. Taa'aa rakkoo keessan hiikaa" jedhan.
Barri aangoo isaa xumuramuutti kan jiru komishinarri olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Mesfin , haalli dandeessisu jiraachuu dhabuun adeemsa kana qormaata keessa akka galche ibsaniiru. Gabaasaa Kenedii Abaatee Tujubee tu dhiheessa.
Forum