Wal dhabdee hooggantoota dhaaba Adda bilisa baasaa uummata Tigiraay kan Doktor Debiretsiyoon Gebiremikaa’eel fi pireezidantii yeroo Geetachoo Raddaa gidduutti uumamee jiru hordofee Kamisa darbe gaafa Amajjii 15 bara 2017 hooggantoonni humna waraanaa naannoo Tigiraay kana murtoo gareen Debiretsiyoon bulchiinsi yeroo naannichaa akka sirraa’u dabarse akka deeggaru ibsa baase hordofee hiriiroonni mormii fi deeggarsaa bakkoota garaa garaa naannicha keessatti taasifamaa jiru. Hiriira murtoo hooggantoota waraanaa naannichaa mormu kan baay’inaan dargaggoonni irratti hirmaatan har’a magalaa Maqaleetti taasifame yommuu ta’u filannoon keenya nageenya, Waraana didne, bulchiinsa humna waraanaa didne, murtoo hooggantoota waraanaa ni mormina dhaadannoowwaan jedhan dhageessaiisaniiru.
Naannoo Tigiraayitti Murtoo Ajajjoota Humna Waraanaa Hordofee Hiriiroonni Deeggarsaa Fi Mormii Taasifamaa Jiru
- VOA
Forum