Bulchiinsa naannoo Itiyoophiyaa Kibbaa godiina Goofaa aanaa Gazzee Goofaa keessatti balaa sigiiga lafaa uumameen manaa fi qe’e isaanii irraa kan buqqa’an Abbaan warraa 627 gargaarsii namoomaa ga’an akka isaan hin dhaqqabiin sagalee Amerikaa dabalatee sabaa himaa adda addaaf kanneen ibsan namoonni 8 hidhamuu isaanii maatiin isaanii fi jiraattonni aanaa sanaa sagalee Amerikaaf ibsanii jiru.
Lafa buufatanii jiran sanatti Boqqolloon manca’ee akka kennamuuf hanqiinni nnyaataa fi bishaanii akka jiru ibsuun, manni isaanii ijaarama jedhame waan hojii irra hin olleef jecha, Dunkaana jala daahaatanii akka jiran ibsanii turan.
Tokko tokkoo immoo, qe’ee isaanii siiga lafaan jalaa fudhatameetti deebi’uu isaanii sagalee Amerikaatt ikan himan Obbo Solomoon Soomaa , saamu’eel Maandoyyee fi muluualem Ballaxee yoo ta’an balaa Kanaan kan miidhamanii fi maatii ofii kan dhaban ta’u ibsan.
Kanneen biroon obbo Akliluu Bazzabih, Teewodroos Solomon, masaay Menber Ayyale Gongaashoo fo Muuluugeetaa Poola kan jedhanman buqqaatonni 5 dhimma wal fakkaataan hidhamuu isaanii , jiraattonni aanaa sanaa kanneen maqaan isaanii akka hin ibsamnee gaafatan ibsanii jiru.
Dhimma kana irratti deebii ykn yaada akka kennaiif jecha aangawoota waajirra adda addaa qunnamuuf yaaliin ta’e hin milkoofne jechuun yoonaataan Zabdiwoos Haawaasaa irraa gabaasee jira.
Forum