Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Doonaald Traamp akka aangoo qabataniin ajaja hooggana ol’aanaa mallateessan keesaa inni tokko waa’ee godaantotaati. Godaantota karaa seeraa-alaa seenan baasuu, sochii godaantotaa yokaan baqattootaa simachuu dhaabuu dabalatee, Ijoolleewwan maatiwwan eeyyama biyyaa kan jiraachuu hin qabne irraa dhalatan mirgaa lammummaa dhorkachuu kan of keessaa qabuudha. Dhimoottan kana irratti ammayuu wanneen ifaa hin taane heduutu jira. Dhimma kana irratti akka ibsa nuuf kennanu, hayyuu seeraa godaansaa yokaan Imigireeshiinii Obbo Isiraa’eel Goobanaa kalatiidhaan Minesootaa irraa sagantaa keenya irratti haasofsiisnee jirra.
Forum