Naannoo Washingitan Diisiitti kan argamu buufata xiyyaara Roonaald Reeganitti qubachuuf ennaa dhiyaatee jirutti Jeettiin Imaltootaa hilikooptera waraanaan walitti bu’uu isaan namoonni kurnatti laka’aman du’uu malu jedhamee sodaatamaa jira. Yanalaawwanii fi kanneen bishaan daakan dabalatee hojjettoonni yeroo hatattamaa buufata xiyyaarichaa cina kan jiru laga Potomaak kan bishaanni isaa qabbanaa’aa ta’e keessa seenuu dhaan erga balaan sun Roobii galgala naannoo sa’aatii 9 dhaqqabee kaasee halkan guutuu hojii hojii irra turan.
Angawoonni akka jedhanitti loltoonni Yuaayitid Isteetis sadii helikoopterittii irra kan turan yoo ta’u, balalii leenjii irra kan turan ta’uu dubbataniiru. Balalii Wichitaa, Kaansas irraa gara Waashingitan imalu kana kan bobbaasw Daandiin Xiyyaaraa Ameerikaan ibsa kenneen, xiyyaaricha keessa imaltoonni 60 fi hojjettoonni afur akka jiran ibseera.
Angawoonni ibsa Kamisa ganama gaazexeessitootaaf kennaniin, yeroo sanatti xiyyeeffannaan hojii baraarsaa irratti akka ture ibsuu dhaan, balaa kanaan lubbuu namootaa darbe tokkollee hin mirkaneessine. Hoogganaan kutaa ittisa balaa ibidda kan Waashingitan Joon Doonlee namni irraa hafe jira yoo ta’e gaafatamanii, “hanga ammaatti hin beeknu, garuu irratti hojjetaa jirra” jedhan.
Donnelly akka jedhanitti, hojjettoonni yeroo balaa hatattamaa gara 300 irratti hirmaatan haala dukkanaa'aa fi rakkisaa ta'een hojjechaa kan turan yoo ta'u, bishaan qabbanaa'aan naannoo balaan kun itti dhaqqabe jiru gara meetira 2.5 gadi fageenya qaba. Senetar Yunaayitid Isteetis kan Kutaa Kaansas Roojet Maarshaal ibsa kennaniin, “Maatii namoota jaallatan dhaban waliin gaddina” jedhan.
Forum