Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barattoonni Itiyoopiyaa Afaan Biyya Keessaa Itti Dabalaa Akka Baratan Ta’uuf Jira


Barattoonni Itiyoopiyaa Afaan Biyya Keessaa Itti Dabalaa Akka Baratan Ta’uuf Jira
Barattoonni Itiyoopiyaa Afaan Biyya Keessaa Itti Dabalaa Akka Baratan Ta’uuf Jira

Amajjii 21 bara 2017 akka lakkoobsa Itiyoopoiyaatti wal ga’ii idilee kan bara hojii wagga 4ffaa kan geggeesse manni maree bakka bu’oota uummataa kan raggaasise labsii barnoota walii galaa ture.

Dura taa’aa koree dhaabbii Misooma humna namaa, hojii fi teeknooloojii Dr. Nagarii Leencoo waa’ee labsii kanaa miseensota mana marichaaf ibsa kan kennan yoo ta’u, afaan dhalootaa akka bifa barnootaattis sadarkaa duraa qabee akka barsiifamu ibsaniiru.

Afaan dhalootaa akka gosa barnootaatti kankennamuu fi afaan ittiin barsiisan ta’ee kan itti fufu hanga kutaa saddeetiitti ta’uu isaaf kan murtaa’u immoo naannolee dhaan ta’uu tuqaniiru. Afaan Ingliffaa afaan barsiisuu ta’uun hojii irra kan oolu kutaa saddeet irraa qabee ta’uu kan murteessanis naannolee ta’uu labsichi beeksisee jira. Dirqamaan garuu kutaa 9 irraa qabee hojii irra kan oolu ta’a.

Miseenosota mana maree daran kan irratti mari’achiise garuu, kutaa labsii sanaa afaanota ka biro barsiisuu isa jedhu ture.

Kutaan kun barattoonni yoo xiqqaate afaanota sadii akka baratan kan taasisu yoo ta’u, draawwatiinsi isaa naannoleen seera baasaniin akka murtaa’u ibsee jira. Akkuma Kanaan afaan dhalootaatti dabalee afaanota hojii federaalaa keessaa kan ta’e tokko afaan biyya keessaa kutaa sadii hyanga 10tti kan kennamu ta’uun tuqameera.

Kutaan labsii kanaa manni maree bakka bu’ootaa afaan Amaaraatti dabalee Afaan Oromoo, Afaan Tigree, Afaan Somaalee fi Affaar afaan federaalaa akka ta’an murtii bara 2012 darbe ittiin ka’umsa kan godhatee dha.

Kana hojii irra oolchuuf heerri fooyyeffamuu akka qabu kan tuqan miseensonni mana maree gaaffiilee gaasaniiru. Kanneen keessaa miseensa mana maree garee mormituu Doktor. Abebaaw Dessaaleny tokko turan. Gaaffichaaf deebii kan kennan Doktor. Nagarii Leencoo, Labsichi heera waliin mala wal simeen ba’uu isaa ibsaniiru. Itiyoopiyaa keessatti afaan afur afaan hojii gochuuf sochiin jiru hidhata dinagdee wayyaawaa uuma kan jedhan miseensi paarlaamaa, afaanonni filataman kun biyyoota hollaatti illee kanneen dubbatamani jedhan.

ABIN irraa kan filataman miseensi mana maree Doktor. Dessaaleny Caannee gama isaaniin, afaanni ittiin walii galan kan biyyoolessaa labsicha irratti ilaalchi hin kennamneef jedhan. Afaan walitti nama hidhu barbaachisaa dha jedhan.

Dura taa’aa koree dhaabbii Misooma humna namaa, hojii fi teeknooloojii Dr. Negari Lencoeo, labsiin kun waa’ee sirna barnootaa kan ilaallate dha malee , waa’ee afaan hojii federaalaa miti jedhan. Labsichi murtii isaa naannoleef dhiisuu isaas tuqaniiru.

Wixineen labsii barnootaa kan walii galaa 1368 / 2017 ta’uu dhaan saglee mormii lamaa fi sagalee cal’iinsaa 10n sagalee irra jireessaan murtaa’eera jechuu dhaan Iskinder Fireew gabaaseera.

Labsichi murteewwan naannoleef dhiisuus eereera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG