Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obbo Birhaanuu Adeeloo Komishinera Ol Aanaa Komiishina Mirga Namaa Itiyoopiyaa Ta’uun Muudaman


 Manni maree bakka bu'oota Itiyoopiyaa har'a Amajjii 22 bara 2017 akka lakkoobsa Itiyoopiyaatti obbo Birhaanuu Adeeloo komiishinera ol aanaa komiishina mirga namaa gochuun muude
Manni maree bakka bu'oota Itiyoopiyaa har'a Amajjii 22 bara 2017 akka lakkoobsa Itiyoopiyaatti obbo Birhaanuu Adeeloo komiishinera ol aanaa komiishina mirga namaa gochuun muude

Amajjii 22 bara 2017 jechuun har’a wal ga’ii idilee kan geggeesse manni maree bakka bu’oota uummataa obbo Birhaanuu Adeeloo Komishinera Ol Aanaa Komiishina Mirga Namaa Itiyoopiyaa gochuun muudee jira.

Miseensota mana mareef ibsa kan kennan af-yaa’iin mana maree Taaggesee Caafoo, obbo Birhaanuun kaadhimamtoonni hedduun adeemsa irratti dorgoman darbanii injifachuu isaanii tuqaniiru.

Mana maree keessatti miseensa garee mormituu kan ta’an Doktor. Dessaaleny Caannee gama isaaniin, obbo Birhaanuun bara bulchiinsa IHADEG itti gaafatama ol aanaa fudhatanii kan tajaajilan ta’uun isaanii gaaffii wallaba ta’uu akka hin kaasnee fi ilaalcha dhaabbata isaan geggeessanii irratti illee dhiibbaa gaarii hin taane akka hin finne yaaddoo qaban ibsaniiru. Namoonni mul’inatti siyaasa irraa ilaalcha walaba ta’e qaban hin jiranii? Jechuun illee gaafataniiru.

Af-yaa’ii kan ta’an Taaggeseen ibsa kennaniin, namni muudaman kun waggoota 15n darban dhuunfaa dhaan hojii gorsa seeraa irra kan turan ta’uu eeraniiru.

Obbo Birhaanuu itti dhiyeenyaan kan beekan ta’uu saanii ibsanii, miseenosonni mana maree kanneen biroonis ilaalcha itti gaafatama itti kenname gitu, barnootaan qophaa’aa, muuxannoo hojii fi walaba jechuu dhaan deggersa qaban ibsaniiru.

Komishinni mirgoota namoomaa Itiyoopiyaa ibsa baaseen, muudamni komiishnera ol aanaa lakkoobsa hundeeffama komiishina mirga namaa Itiyoopiyaa lakkoobsa 210/1992 labsii lakkoobsa 1224/2012n kan fooyyeffame akka keeyata 10, 11 fi 12 irra taa’ee jiruutti geggeessama jedhee jira.

Ibsi komishinichaa keessatti Obbo Birhaanuu Adeeloo kanaan dura itti gaafatama mootummaa adda addaa irratti tajaajilaa kan turan yoo ta'u, kanaan dura daayreektarri olaanaa Waajjira Qabeenya Kalaqa Sammuu Itiyoophiyaa, ministeera itti gaafatamaa dhimma kaabinee fi miseensa koree hojii raawwachiiftuu IHADEG turan.

Muudama kana ilaalchisee ergaa kan dabarsan Itti aanaatuu Komishinar kan ta’an Raakeb Messelee, haalli mirga namoomaa yeroo ammaa biyyattii keessatti mul’achaa jiru hoggansa cimaa fi hojii mirga namoomaa bu’a qabeessa ta’e akka barbaadu ibsaniiru.

Maqaa komishinaroota komiishinichaa fi waahillan isaaniitiin Koomishinara Olaanaa Obbo Birhaanuu Adeloo bara hojii gaarii hawwaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG