Xurree ittiin seenan

Breaking News

As Handaara Waashingtanitti Xayyaaronni Wal-Rukutuun Balaa Uumamerraa Namni Lubbuun Hafe Hin Jiru, Jedhame


Helikoopterri laga Potomaak irra kan buufata Xiyyaara Roonaald Reegan cina jiru irra balal'uu dhaan balaa xiyyaaraa uumame irraa kanneen hafan yoo jiraate ennaa barbaadaa ture
Amajjii 29, 2025.
Helikoopterri laga Potomaak irra kan buufata Xiyyaara Roonaald Reegan cina jiru irra balal'uu dhaan balaa xiyyaaraa uumame irraa kanneen hafan yoo jiraate ennaa barbaadaa ture Amajjii 29, 2025.

Angawoonni Waashingtan, kan federaalaa fi naannoo daandii balalii xiyyaara imaltootaa fi helikoopterri waraanaa Roobii galgala walitti bu’uu isaaniitti aansii namni lubbuun hafe akka hin jiraannee fi hojiin barbaachaa itti fufuu isaa dubbataniiru.

Daandiin balalii Ameerikaan “American Airl Lines” imaltoota 64 baatee kan ture yoo ta’u, helikoopterri waraanaa sun immoo namoota sadii baatee ture.

Xiyyaaronni lamaan jeettiin imaltootaa gara buufata xiyyaara kutaa Verjiiniyaa, Aarliingiten kan jiruu fi washingtanitti dhiyoo Roonaald Reeganitti dhiyoo kan jiru laga Potomaak jedhamu keessatti kufan.

Itti gaafatamaa kutaa balaa ibidda dhaamsuu kan ta’an Joon Doonleey, hojjettoonni yeroo balaa hatattamaa, buufata xayyaarichaa irraa akeekkachiisa sa’aatii 8:48 irratti kennameef deebii kennaniiru jedhan.

Doonliin akka jedhanitti walumaa gala hojjettoonni yeroo hatattamaa naannooj, kutaa biyyaa fi ejensiiwwan federaalaa irraa walitti dhufan kanneen 300 ta’an bishaan akkaan qorraa ta’eef qilleensa hamaa akkasums laga cabbiin irra buufate irra turan.

Hoogganaan kun akka jedhanitti halkan guutuu hamma Kamisa har’aa ganamaatti hojjetaa kan turan yoo ta’u, reeffa 27 jeettii imaltootaa irra kan turanii fi reffa nama tokkoo kan helikoopterattii irra ture arganiiru. Dhaabbati isaanii reeffa hanga yoonaa isa dhaqqabeef qorannaa wal’aansaaf ergame jedhanii, lakkoobsi kun akkuma gabaasaaleen ba’aniin adda adda ta’uu mala jedhan.

Qilleensii fi dha’aan bishaanii caccabaa xiyyaarotaa bakkaa bakkatti kan facaase yoo ta’u, yoo xiqqaate bishaanicha jala hanga km tokkoo ykn lamaa gad dhidhimuun hojii tattaaffii barbaachaa wal xaxaa taasise jedhan.

Tuuta oduuf ibsa wal fakkaatu kan kennan ministeerri geejjibaa kan US Shoon Duffii, halkanni sun samiin qulqullaa’aa, xayyaaronni lamaanis balalii idilee geggeessaa turan jedhan. Itti dabaluu dhanias samiin naannoo Washington xayyaarota daldalaa fi maadhee waraanaa dhiyoo jidru irraa kan ka’an xayyaarota waraanaan guutamuun waan baratamee dha jedhan.

Forum

XS
SM
MD
LG