Godina wallaggaa aanaalee adda addaatti walitti-bu’insa waraana mootummaa fi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti deemaa jiruun wal-qabatee torban kana qofa namoonni nagaan 8 ajjeffaman, jedhu maatin midhaamtoota fi jiraattonni naannoo sanaa. Ajjeechaa kanaaf maatin namoota ajjeeffamanii humnoota nageenya mootummaa himatu. Dhimma ajjeechaa kanaa irratti gama mootummaatii ibsa argachuuf bulchiinsa aanaa qilxuu kaarraa,Godina Wallagga Lixaa fi Biiroo Bulchinsa fi Nageenya Oromiyaa dubbisuuf yaaliin guyyoota lamaaf taasisne hin milkoofne.
Forum