Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tiraamp Hogganaa Shororkeessitoota ISIS Somaaliyaa Keessaa Irratti Haleellaa Waraanaa Ajejuu Ibsan


FAAYILII - Humnoota Somaaliyaa milishoota Puntilaand keessaa adamsaa jiran, Puntilaand, Kibba Somaaaliyaa, Muddee 18, 2016.
FAAYILII - Humnoota Somaaliyaa milishoota Puntilaand keessaa adamsaa jiran, Puntilaand, Kibba Somaaaliyaa, Muddee 18, 2016.

Pirezidaantiin Yunaaytid Isteets Doonaald Tiraamp “karoorsaa ol’aanaa ISIS fi shororkeessitoota kaan inni Somaaliyaa keessatti bobbaasee fi hoggane ” irratti haleellaan waraanaa akka raawwatamu ajejuu isaanii beeksisan.

Tiraamp maqaa nama haleellaan kun irratti raawwatame hin ibsine.

Odeeffannoon haaraan Sambata Xinnaa harraa bahe gaaree kaaba bahaa Al-Miskaad Puntilaand, ISIS bakka dhokatutti haleellaan qilleensaa raawwatamuu gabaasus, garuu eenyu akka haleelicha raawwate ifa miti.

''Ajjeestoonni holqa keessa dhokatanii arganne kun Ameerikaa fi Michoota keenya doorsisaniiru. Haleellaan kun holqa isaan keessa jiraatan barbadeesse, akkasumas shororkeessitoota baayyee odoo - karaa kamiinuu namoota nagahaa in miidhin ajjeese,” jechuun Tiraamp miidiyaa hawaasummaa X irratti maxxansan.

Hogganaan garee ISIS Abdulkadir Mumin bara darbe ji'a Caamsaa keessa haleellaa qilleensaa Ameerikaatiin haleellaa raawwatame irraa hafaniiru.
Haleellaa qilleensaa harraa isarratti xiyyeeffachuu fi dhiisuu wan ibsame in jiru.

Gabaasa AP

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG