Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baahir Daar Keessatti Ogeessi Eegumsa Fayyaa Tokko Ajjeesaman 


FAAYILII- Magaalaa Baahirdaar
FAAYILII- Magaalaa Baahirdaar

Magaalaa Baahir Daar keessatti Sambata darbe hojii dhaa halkaneeffatanii gara mana ofiitti deebi’aa kan turan daayiriktera kutaa baqaqsanii hodhuu hospitaalaa Ispeshalaayizedii Xibebe-Giyoon kan turan Dr. Anduwaalem Daanyee saamtotaan ajjffauu akka hin oolle bulchiisi poolisii magaalaa Baahir Daar beeksiseera.

Itti gaafatmaan qajeelcha poolisii magaalattii Komaander Waalelliny Bimirew VOAf akka himanitti, Yuniversitii Baahirdaar-tti koolejii wal’aansaa fi saayinsii fayyaa jela kan jiru mana jireenyaa isaanii hospitaala speshalaaized keessa jirutti deema utuu jiranii, magaalicha keessa kan jiru bakka Sebaataamit”Qoshee” jedhamutti hidhattootaan itti dhukaafamuun lubbuu isaanii dhabaniiru. Kanneen ajjeechaa kana raawwatan humnoonni naga eegumsaa hedduu bobbaafamuu kan dubbatan komaanderichi, naannoo sana gareen saamichaaf hidhatee socho’u jiraachuu ibsaniiru.

Waldaan ogeessota fayyaa naannoo Amaara agama isaan ajjeechaa fi hidhaan ogeessota eegumsa fayyaa irra ga’aa jiru na yaaddessa jedheee jira jechuu dhaan Aster Misgaanaaw gabaasteetti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG