Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jabuutiin Daangaa Itiyoophiyaarratti Garee Hidhannoon Mootummaa Ishee Falman Irratti Haleellaa Diroonii Raawwachuu Dubbatte


FAAYILII: Jibuutii
FAAYILII: Jibuutii

Jabuutiin Daangaa Itiyoophiyaa irratti haleellaa Diroonii raawwatteen humna waraanaa garee riphee loltootaa kan isheen Shororkeessaa jettu Saddet yommuu ajjeestu namoonni nagaa lakkoofsi isaanii adda ba’ee hin beekamnes ajjeefamaniiru. Haleelleen kun kan taasifame Dilbata kaleessaa yommuu ta’u garee shororkeessaa irratti haleellaaln fudhanne lafa Jibuutii kan daangaa Itiyoophiyaa irraa Kiloomeetira Ja’a fagaatu Addoortaa keessattidha jechuun ministirii humna waraanaa Jibuutii kan ibse. Humni waraanaa Jibuutii ibsa isaa keessaatti shororkeessitoonni saddet ajjeefamaniiru jedhee akka carraa ta’ee wayita tarkaanfiin fudhatamutti lammiileen nagaa Jibuutii irras miidhaan ga’eera jedhee bal’ina miidhaa ga’e jedhee garuu hin ifoomsine.

Gorssaan Pireezidantii Jibuutii Aleeksiis Mohaammed Assooshiyeetid Pireesitti akka himetti miseensota hidhattoota garee Adda Tokkummaa deebisuu fi Dimookiraasii kan Jibuutiin tarree Shororkeessaa keessa galchiteettu irratti tarkaanfiin fudhatameera. Toora miidiyaa hawwaasaa irratti Jibuutiin daangaa Itiyooophiyaa keessa seenuun haleellaa Diroonii raawwateetti jedhamuun maxxanfamaa jiru Jibuutiin haalteetti. Hooggantoonni nageenyaa mootummaa Jibuutii Ibsa dabalataa Sgalee Ameerikaa Afaan Somaaliif akka kennan gaafatamanii deebisuu didaniiru.

Addi Tokkummaa debiisuu fi Dimookiraasii Inni “FRUD” bara 1991 tti kan hundaa’e Kaaba Jibuutiitti kan argaman hawwaasa Afaariif kan falmu mootummaa Jibuutii waliin kan wal waraanudha.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG