Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummmichi Ministaraa Abiyyi Ahimad Garaagarummaan Siyaasaa Hooggansa Naannoo Tigiraay Gidduu Jiru Mariin Furamuu Qaba, Jedhan


Muummicha Ministeera Itiyoopiyaa Abiy Ahimad
Muummicha Ministeera Itiyoopiyaa Abiy Ahimad

Muummichi Ministeera Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimad yeroo jalqabaaf garaagarummaa siyaasaa keessoo hoggansa bulchiinsa naannoo Tigraay gidduu jirurratti dubbatanii jiran.

Dr. Abiyyi ibsa Wiixata har’a Feesbuukii ofii irratti maxxansaniin namoonni aangoo irra jiran kan Tigraay garaagarummaa keessoo isaanii mariidhaan akka furan waamicha dhiyeessan.

Kana amalees garaagarummaan biroo humnoota biroo waliin haa ta’u mootummaa federaalaa waliin ta’e heera biyyoolessaa irratti hundaa’uun furmaata argachuu akka qabu dabalanii ibsan.

Dhiheenya kana waldhabdeen siyaasaa Tigraay keessatti hammaate erga ajajoonni waraanaa hedduun hogganaa Adda Bilisummaa Ummata Tigraay ( ABUT) kan Dr.Dabra Tsiyoon Gabra mikaa’eel durfamuu deggeranii fi falmii siyaasaa hadhaawaa preezdaantii Bulchiinsa Naannoo kan Yeroo Obbo Geetaachoo Raddaa waliin taasisaniin deeggarsa isaanii ibsanii booda.

Dilbata darbe Manni Maree Gorsaa kan Tigraay hundeeffamuun erga Paarlaamaan naannoo sanaa Waliigaltee Piriitooriyaa hordofuun diigee waggoota booda ture.

Manni Maree Gorsaa kun pirezidaantiin bulchiinsa yeroo osoo hin muudamiin itti gaafatamummaa Paarlamaa ni fudhata. Tarkaanfii kana kan morman Dr. Dabra Tsiyoon Manni Maree Gorsaa ABUTiin diiguuf yaadamee kan uumame ta’uu falman.

Dr. Abiyyi fuula Feesbuukii ofii irratti, ummanni Tigraay “madaan kaleessaa fayyuu baatullee, ammas haala sodaa fi shororkaa keessa jiraachaa jira” jedhan.

Tigraay yeroo dheeraaf mormitoota waliin tokkummaan qabsaa'uu ishee irra deebi'ee Dr Abiyyi irra deebi’uun dubbatan. Naannoon Tigraay duudhaa yeroo dheeraa kan waldhabdee keessoo karaa nagaa furuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG