Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsa Naanoo Sidaamaa keessatti Namoonni 6 Balaa Konkoolaataan Lubbuu Dhaban


Bulchiinsa Naanoo Sidaamaa keessatti Namoonni 6 Balaa Konkoolaataan Lubbuu Dhaban
Bulchiinsa Naanoo Sidaamaa keessatti Namoonni 6 Balaa Konkoolaataan Lubbuu Dhaban

Godina Sidaamaa kibbaa aanaa Alataa Wandoo keessatti Dilbata kaleessaa konkolaataan buna fe’ee ture tokko garagaluun lubbuun namoota 6 galaafachuuDaarektarri Daayirektoreetii To'annoo Nageenya Daandii kan Komishinii Poolisii Naannoo Sidaamaa Inispeektara Olaanaa Daani'eel Shinkuraa Sagalee Ameerikaatti himan.

Konkolaataan fe'umsaa lakkoofsa gabatee 3-18766 ORO jedhu qabu kun konkolaachisa ykn Shoofeera fi gargaaraa isaa dabalatee namoota kudhan kan fe'ee ture yoo ta'u, namoonni biroo lama ammoo miidhaan qaamaa cimaan akka irra ga'e himaniiru.

Namoota miidhaman kana keessaa saddeet dargaggoota naannoo "Gadaa" jedhamutti dhaabbata bunaa keessatti hojjachuun mindaa guyyaan baafamuuf yoo ta’u, balaa kana darna hamaa kan taasisee konkolaataa fe'umsaa yeroo garagaleetti Bunni fe’amee ture isaan irratti kufee isaan keessaa ja'a battalumatti du'un ibsamee jira.

Inispeektar olaanaa Daani'eel namoonni miidhaan cimaan irra gahe lamaan hospitaala sadarkaa tokkoffaa Alataa Wandoo seenanii turan yaala fooyya'aa argachuuf gara Hospitaala Rifaralaa Hawaasaatti ergamuu isaanii beeksisaniiru.

Maal dhiibdee fi of eeggannoo gochuu Dhaba irraa balaa kana kan dhaqqabsiisan konkolaachisaa fi gargaaraan isaa yeroo ammaa aanaa Alataa WAndootti to'annoo poolisii jala akka jiran himamee jira jechuun Yoonaataan Zabdiwoos Haawaasaa irra gabaasee jira.

Forum

XS
SM
MD
LG