Afrikaan Kibbaa waan Tiraamp fi Dureessichi Afriikaa kibbaatti dhalatan Eleen Maask imaammata lafaa irratti jechaa jiran of irraa ittisaa jirti.
Tiraamp Dilbata darbe ragaa osoo hin dhiyeessiin ''Afrikaan Kibbaa lafa saamaa jirti'' akkasumas ''namoota gita murtaa'an haala ''baay'ee hamaa'' ta'ee ilaalamaa akka jiran dubbataniiru.
"Hanga qorannoon guutuun haala kana irratti gaggeeffamu xumuramutti maallaqa gara fuulduraatti Afrikaa Kibbaaf kennamu hunda nan dhaaba!" jedhan.
Pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan mootummaan lafa tokkollee akka hin fudhanne kan dubbatan yoo ta’u, dhimma kana irratti hubannoo fooyya’aa uumuuf Tiraamp waliin hojjechuuf eeggaan jira jedhan.
Ameerikaan bara 2023tti Afrikaa Kibbaaf gargaarsa gara doolaara miiliyoona 400 fi miiliyoona 40 akka kennitu waadaa seenuu ishee ragaan mootummaa Yunaaytid Isteetis inni dhiyoo akni agarsiisa. Waliigala kana keessaa inni guddaan jechuun Doolaara miiliyoona 300 fi miiliyoona 15 HIV/AIDSiif ture.
Raamaafoosaan akka jedhanitti, maallaqni Amerikaa kan sagantaa HIV/AIDS Afrikaa Kibbaa keessaa %17 ta'us, "maallaqa guddaa biraa hin jiru" Ameerikaa irraa kan argamu irratti kan hirkatedha jedhan.
Pireezidaant Raamaafoosaani ji’a darbe labsii mootummaan dantaa ummataaf jecha lafa akka salphaatti akka qabatuu taasisu kan mallatteessan yoo ta’u, paartileen gamtaa biyya bulchaa jiran tokko tokko mormaniiru.
Seerri kun garaagarummaa sanyii cimaa abbummaa lafaa keessatti mul’atu kan bara 1994 xumura sirna Appaartaayidii waggoota kurna sadii booda itti fufee jiru furuuf kan akeekedha.
Forum