Labsiin taarfaa ykn dilaalaa bulchiinsii Prezidaant Doonaald Traamp mi’aawwan Chaayinaa irratti dabarse qibxata har’aatii kasee akka hojii irra oolu beekameera.
Bulchiinsii Doonaald Traamp taarifa dhibeentaa 10 kan mi’aawwwan Chinaa irraa gara Yunaayitid Isteets seenanu irra kan kaa’ee, Chayinaan qorichaa nageenyaa sammuu fi lubbuu namaatiif garii hin taanee isa Fentaaniyil jedhamu dhaabuu qabdii jechuudhan.
Taarifaa mootummaa Yunaayiotid Isteetisn kaa’amee kana haaloo ba’uudhaaf jechaa mootummaan Chaayinaa, Cilee fi boba’aa calalamaa Yunaayitid Isteets irratti taarifa dhibeentaa 15 , boba’aa hin calalamne, meeshaawwan omishaa qonnaa fi konkola’atota amma tokko irratti immoo taarifa dhibeentaa 10 kaa’uu isaa beeksisee jira.
Mootummaan Chaayinaa mi’aawwan Yunaayitid Isteets irratti taarifa dabalataa kaa’uudhaa allatis, omisha fi daldalaa qorchaa lubuu nammatiif bala qabeesaa ta’e Fentaneyil dhaabuudhaaf akka hojatu beeksisuun isaa gabaasameera.
Itti gaafatamtuun dhimma presii masaraa Waahit Haawus Karooline Le’avitt Wixata kaleessaa ibsaa kennanii prezidaant Doonald Traampii fi Prezidaantiin Chaayinaa Shi Jiinping guyoottan dufan keessatti wal arganii dhimmicha irratti dubachuudhaaf karoorfachuu isaanii beeksisaniiru.
Kara biraatiin mi’aawwan Kaanaadaa fi Meeksikoo irrati taarifa dhibeentaa 25 kaa’udhaaf kan murteesanii turan Doonaald Traamp , erga hogantoota biyyoottan lammanii wajjin marii taasisanii booda guyaa labsii taarifaa biyoottan laman kan ilaalltu hopjii irra oolu ji’a tokoof dheeresuu isaanii beeksisaniiru.
Daanga biyyoottan lammanii irratti daladalaa qorchaa karaa seeraan alla taasifamuu fi namoottan karaa seeraan alaa daangaa qaxaamuranii gara Yunaayitid Isteets seenan too’achuudhaaf mootummaan isaanii umna waraanaa kuma 10 ta’u akka bobbasu Prezidaantiin biyya Meeksikoo Kilaawudiyaa She’ibaa’un beeksisaniiru.
Muumichii ministeraa Kanaadaa Jastiin Truudoo gama isaaniitiin, mootumman isaanii daangaa biyyoottan lammanii irratti teknooloojii haaraa fi umnoottan nageenyaa fayyadamuudhaan daddarbaa qorcha lubuu namaaf bala qabeesaa ta’ee too’achuuf akka murteesse ibsuun isaanii gabaasameera.
Forum