Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Maree Bakka Bu'ootaa Kutaa Kalifoorniyaa Imaammata Doonald Traampiin Dura Dhaabbachuuf Bajata Miiliyoonii 50 Raggaasisee Jira


FAAYILII- Mana maree kutaa Kaalifoorniyaa
FAAYILII- Mana maree kutaa Kaalifoorniyaa

Haleellaan dhukaasa meeshaa waraanaa gudaadhaan garee umna dafee qaqqabaa isa “RSF” jedhamee beekamuun Qibxata har’aa taasifame lubbuu namootan Shanii gallafate kun, naannoo buufata fayyaa magaala lakkuu Kaartuum kan ta’e Umdurumaan keessatti argamutti akka ta’e beekameera.

Hogeesonni fayya akka madda oduu Ajaans Firaan Prees /AFP ti himaniitti namoottan haleella Kanaan balan irra gahee keessaa namoottan fedhii isaaniitiin hospitaala AL-Na’o jedhamuu keessa hojii walaansaa fayyaa hojjachaa jiranuudha.

Haleellan kun kan raawwatee, erga waraanii mootummaa Sudaan garee RSF irratti duulaa jalqabuu isaa beeksissee boodaa yemmuu ta’au, Wixata kaleessaa haleellaa xiyyaraa magala gudicha kutaa Daarfuur kibbaa Niyaala irrtti raawwatameen namootan 25 ajjefamanii, 63 immoo madaa’un isaanii gabasameera.

Sambata dheengadaa gareen umna dafee qaqqabaa ykn “RSF” bakka gabaa magaala Umdurumaaniti argamu irratti haleellaa meeshaa waraanaa fagoo irraa furgugaa’een raawwateen namoottan 60n du’uun isaanii beekameera.

Forum

XS
SM
MD
LG