Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhukaasa Meeshaalee Guguddaatiin Sudaam Keessatti Lubbun Namoota Hedduu Dhabamuun Gabaasame


Garee Riphxee-Loltootaa Tibbana Magaalaa Goomaa Ka Koongoo Bahaa Keessaa Qabate Kan M23 Jedhamu Labsii Dhukaasa Dhaabinsaa Labsee Jira 
Garee Riphxee-Loltootaa Tibbana Magaalaa Goomaa Ka Koongoo Bahaa Keessaa Qabate Kan M23 Jedhamu Labsii Dhukaasa Dhaabinsaa Labsee Jira 

Irra caalaan isaa bakka bu’ootaa Paartii Dimokraatotaatiin kan guutamee manni maree bakka bu’ootaa kutaa Kaliifoorniyaa maallaqa kana kan ramadee adeemsaa bulchiinsii Doonaald Traamp dhimma godaantotaa irrati taasisaa jiru dura dhaabachuudhaaf akka ta’e maddi oduu Assooshiyeetd Prees/ AP gabaasee jira.
Akkumaa Kanaan doolaaraa ragaasifamee miliyoona 50 keessaa walakaan isaa jaarmiyaa haqaa kutichaa isaa tarkaanfii mootummaa feederaalatin falmu jabeesuuf kan oolu yemmuu ta’u, miiliyoonii 25 immoo, gareewwan seeraa mirgaa godaantotaatiif falma jiran degeruudhaaf akka ta’e beekameera.
Yaadinii Wixata kaleesaa sagalee degersaa 57 fi sagalee mormii 17n raggasifame kun seeraa ta’ee hojii irraa oluudhaaf gara waajjirra bulchaa kutaa kaalifoorniyaa Gaviin Niwsomti dabarsamee jira.
Dubbii himaan mana maree bakka bu’ootaa kutichaa Robert Rivas, Doonaald Traampiin akka hin amannne ibsanii, mirgaa heeraa biyaatiif sodaa akka ta’an eeraniiru.
Mana marichaatti hoganaan garee partii Repaabilikaanotaa James Gallaaheer gama isaaniitin, yaadichii gochaa siyaasaa fi yaalii namoottan balaa abiddaatiin miidhaman irraa xiyyeeffanaa dabsuufi jechuudhaan akka qeeqan ibsamera.
Balaa Abiddaa maggala Losanjeles muudaatee irraa dandamachuudhaa fi deebisanii ijaruudhaaf kan oolu gaafii Doolaara Biiliyoonii 2.5 ramaduu isaa bulchaa kutiichaa Gaviin Niwsominiin dhihaatee manni maree kutichaa sagalee guutudhaan raggasisee jira.
Maalaqa ramadamee kana keessaa miiliyooniin manoottan deebisanii ijaaruudhaaf, miiliyoniin tokko immoo manoottan baruumsaa miidhaman debisanii tolchuudhaaf kan ool akka ta’e beekamee .
Kutaan Kalifforniiyaa yemmuu bulchiinsa Traamp duraanii dhimma godaantotaa fi imaammata eegumsa naannootiin walqabatee Doonald Taarmp irratti himmanna 120 dhiiheesse kan ture yemmuu ta’u, kanaafis doolaara miiliyoonii 42 baasuun isaa gabaasameera.
Akka dhaabbanni qoo’annoo “Piw” jedhamu galmeessetti bara 2022 keessaa godaantonni miiliyoonii 1. 8 ta’an kutaa Kaaliforniyaa keessa haala seeraan alaa ykn eeyyama seeraa malee akka jiraatan beekameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG