Bulchiisi Tiramp hojjettoota hojjettoota dhaabbata misooma sadarkaa addunyaa kanneen guutuu addunyaa irra jidran mara hojii kan dhaabsise ta’uu Kibxata kaleessaa ennaa beeksisu, gurumuu waggoota jaatamaaf beelatti duuluu, barnoota maallaqaan deggeruu fi weerara dhukkubaa ittisuu irratti bobba’ee hojjetaa ture hojiin isaa ni dhaabata. Bulchisichi hojjettoota USAID E-mail fi beeksisa marsariiii irratti maxxanseen kan beeksise yoo ta’u, dhaabbatichas kaadhimamtoota siyaasaa marsaa duraa Tiramp fi dureessicha Iilan Maskiin hoogganamu garee gahumsa mootummaa ta’uun moggaafaman kanneen gargaarsi alaa baasii akkasumatti badu jedhan akka tasaa hojiin isaa dhaabate. Ajaji kunis Jimaata halkan hojii irra kano ooleef, kaan duruu kun akka ta’u tilmaamuu dhaan qabeenyaa isaanii kan walitti qabatan yoo ta’u, kanneen barbaachisuu jedhaman irraan kan hafe lammiiwwan biyya alaa guyyoota 30 keessatti biyya ofiitti akka deebi’an kallattiin kaa’amee jira.
Beeksisi sun akka jedhutti kanneen hojii kontraataa irratti bobba’aniif barbaachisuu hin taane hojii irraa ari’atamu .Oduun kun akka hameetti guyyootaaf deddeebi’iaa ture.
Seera tumtoonni paartii Dimookiraatotaa irraa mormiin ka’us, akka bulchiinsa haaraa fi Iilan Mask baasii mootummaa xiqqeessuuf hojii mootummaa federaalaa gad xiqqeessuuffi dhaabbati gargaarsaa kun akkaan irratti fuuleffatame.
Baasiin isaan akka hin kennamne ajajan kan Yunaayitd Isteetisiin maallaqaan gargaaramu hojiin misoomaa naannoo addunyaa akka dhaabatu taasisee hoogganoota gameeyyii fi hojjettoonni hojii irraa akka ari’ataman gochuu dhaan waajjiri haadhoon Waashington keessaa Kibxata akka cufamuuf sababaa ta’eera.
Nyaatii fi dawaaleen doolaara miliyoona dhibbaan laka’amutti hedamu kan kampanilee Yunaayitid Isteetisiin biyyootii alaatti ergaman sababa bulchiinsichi akka tasaa dhaabbaticha cufeef buufata doonii irratti danqamanii jiru.
Seera tumtoonni paartii Dimookiraatotaa fi kanneen biroo USAID akka dhaabbata walabaatti seeraan kan galmaa’e yoo ta’u, hayyama kongireesii malee cufamuu hin danda’u jedhu. Deeggartoonni USAID dhaabbilee siyaasaa lamaan irraa hojiin isaa biyya alaa dhiibbaa Raashiyaa, Chaayinaa fi mormitootaa fi dorgomtoota biroo biyya alaa jiran qolachuuf, akkasumas gamtaa fi tumsa cimsuuf barbaachisaa ta’uu dubbatu
Forum