Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Doonaald Tiramp yeroo aangoo isaanii marsaa duraa tarkaanfii fudhatan irra deebi’uu dhaan, manni murtii Yakka qoratu kan sadarkaa addunyaa ammiiwwan Ameerikaa fi michoota kanneen akka Israa’el irratti qorannaa geggeessamu irratti namoota hojjetanitti kan fuuleffatu uggura dinagdeed imalaa akka kaa’amu Kamisa kaleessaa raggaasisaniiru jechuun Rooyiters gabaaseera.
Tarkaanfichis kan ministeera ittisaa isaanii duraanii akkasumas hoogganaa garee Hamaas kan Faalisxiin faana lola Gaaaa keessatti uumameef ICCn kan barbaadaman muummichi ministeeraa Israa’el Benjamin Natanyaahuu daawwannaa isaan Washngitanitti geggeessan waliin kan wal irra oole.
Yunaayitid Isteetis maqaa namoota uggurri irra kaa’amee ariitii akkamiin akka beeksistu ifaa miti. Bulchiisi Tiramp marsaa isaa duraa kan bara 2020 keessatti, Washingtan abbaa alangaa yeroo sanaa kan turan Faatuu Bensuudaa fi gargaartuu isaanii ijoon qorannaa yakka waraanaa loltoota Ameerikaan Afgaanstan keessatti geggeessame jedhame qoratan irra uggura kaa’ee ture.
ICCn yaada kanaaf deebii akka kennuuf gaaffii dhiyaateef battala deebii hin kennine. Uggurri sun kanneen himataman qabeenyaa Yunaayitid Isteetis qaban ugguruu fi matiiwwan isaanii Yunaayitid Isteetsiin akka hin daawwanne dabalata.
Miseensota 125 kan qabu ICCn, kan yakkamtoota waraanaa, yakka farra namoomaa, duguugiinsa sanyii fi biyyoota miseensota ta’an ykn lammiiwwan isaanii irratti yakka namoota yakka hojjetan irratti himannaa dhiyeessu kan danda’u mana murtii dhaabbataa dha. Yunaaitid Isteetis, Chaayinaa, Raashaa fi Israa’el miseensa mana murtichaa miti.
Tiraamp ajaja sadarkaa ol aanaa kana kan mallatteessan erga torban darbe Dimookiraatonni Seenetii Yunaayitid Isteetis, seera sirna qoqqobbii mana murtii yakka waraanaa irratti fuuleffate diriirsuuf carraaqqii Rippabilikaanotaan durfamu ugguran booda.
Forum