Dorgommii kubbaa miillaa Ameerikaa Dilbata kaleessaa irratti gareen Filaadelfiyaa Iigils Kaansaas Siirii Chiifis qabxii 40-22n injifatee jira.
Gareen Chiifs ammaan dura si’a lama waan injifataniif sadaffaa injifatanii seenaa hojjechuuf carraa qabu turan, garuu gara “Iigils” amma walakkeessa taphichaatti 24-0’n duraaa turanii dhuma irratti injifatan. Yeroo nuusa sadaffaa irratti gareen Chiifs qabxii galmeessiuu eegan yeroo gara xumuraatti waan dhihaateef warra Iigils bira taruu hin dandeenye.
Taphi kubbaa miillaa Ameerikaa Supper Boowl kan jalqaba taphatame Amajjii 15 bara 1967 magaalaa Los Aajeles Keessatti ture.
Forum