Saam Niyoomaa rogeessa fi hoogganaa garee riphee loltootaa kan ture Namibiyaan sirna Appaartaayidii Afiriikaa Kibbaa jalaa bahuun walabummaa ishee labsatte pireezidaantii jalqabaa karaa Dimookiraatawaan filatamedha. Dilabata kaleeesaa Umurii isaa waggaa 95 tti du’uu kan mirkaneesse Pireezidaantiin biyyattii amma aangoo irra jiru Nangoloo Mabumbaa fuula miidiyaa hawwaasaa irratti maxxansuunidha.
Saam Niyoomaan Waggoota 30 tti kan dhiyyaataniif biyyarraa baqachuun sochii walabummaaf qabsa’aa kan ture bara 1990 yommuu biyyi isaa bilisa baatu gara biyyaatti deebi’uun pireezidaantii karaa dimokiraatawaa filatame isa jalqabaa ta’uun waggoota 15’f biyyattii bulcheera. Bara 2005 tti Paarlaamaan Namibiyaa Abbaa hundeessaa Namibiyaa jechuun beekamtii kenneeraaf.
Niyoomaan dubbii isaa biyyoota lixaa qeequun, Walquunnamtii salaa , saala walfakkaataa irratti araarama hin qabu jechuun, hariiroo biyyoota akka Kooriyaa Kaabaa, Kuubaa, Raashiyaa fi Chaayinaa kaan gariin isaanii garee bilisa baasaa Naamibiyaa deeggaran waliin qabuun mata duree oduuwwaanii nama turedha.
Forum