Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hooggantoonni Addunyaa Kan Irratti Argaman Yaa'iin Dhimma AI Yokaan Summuu Nam-Tolchee Irratti Mari'atu Paarisitti Har'a Baname


Hoogganaa ol Anaan Google CEO Sundaar Pichaayi gumii /AI/sammuu nam-tolchee Paaris Keessatti haasaa dhageessian Guraandhala 10, 2025. (Photo Ludovic MARIN / AFP)
Hoogganaa ol Anaan Google CEO Sundaar Pichaayi gumii /AI/sammuu nam-tolchee Paaris Keessatti haasaa dhageessian Guraandhala 10, 2025. (Photo Ludovic MARIN / AFP)

Biyya Faraansaay magaalaa Paariisitti yaa’ii teekinooloojii Artefishiyaal intelejeensii Wiixata har’aa taa’amuu jalqabe irratti hooggantoonni siyaasaa Addunyaa kanaa gurguddoodha jedhaman, hooggantoonni dhaabbilee teekinooloojii fi Saayintiistoonnii biyyoota 100 olii irrati argamaniiru. Yaa’ii kanarratti dhimmoota teekinooloojiin alattis dubbiiwwan dippiloomaasii qormaata ta’an ka’uu malus jedhame eegama.

Warra yaa’ii kanarratti hirmaataa jiran keessaa Itti aanaan Pireezidaantii Yuunaayitid Isteetisi Jee Dii Vaansi erga gara aangootti dhufee imala isaa isa jalqabaa biyya yaa’iif biyya alaatti kan imale fi Itti aanaan pireezidaantii Chaayinaa Zhaang kan irratti argaman yommuu ta’u dhaabbileen Teekinooloojii gurguddoon kanneen akka Guugil, Maayikiroosooftii fi Oppen Ee Ay “ Open AI” irratti argamaniiru. Yaa’ii kana Ministirri muummee Indiyaa Nareendiraa Moodii fi Pirezidaantiin Faraansaay Imaanu’el Maakroon waliin ta’uun gaggeessaa jiru. Yaa’iin Arteefishiyaala Intelejeensii kunis guyyoota lamaaf taa’ama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG