Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaa  Shiree Indaasillaasee Keessatti Balaa Boombii Muudateen Namoottan 17 Madaa'uu  Aangawoonni  Beeksisan


Tigraay magaalaa Shiree
Tigraay magaalaa Shiree

Bulchiinsaa naanoo Tigraay magaala Shiree Indaasillaasee keessatti Wixata kaleessa galagala bakka bashannanaa Haareg jedhamutti balaa Boombii harkaa muudateen namoottan 17 mada’uu isaanii waajjirri nageenyaa fi bulchiinsaa magaalchaa beeksisee jira.

Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Berhuu Ayiday akka sagalee Amerikaatti himanitti balaa kannna dubaartoota Sadii dabalatee daa’imni ji’a kudhanii tokko miidhaan irra gaheera.

Namoottan balaa Kanaan madaa’an caalaan isaanii manna yaalaatti ilaalamanii gara manna isaaniitti akka deebi’anis itti gaafatamaan kun ibsaniru.

Bakka dargaggoonni hedduminaan itti bashanaan kanaaf abbaa qabeenyaa kan ta’an, obbo Baaraakii Hagoos, namoottan eenyumaan isaanii hin beekamne, bilbila bilbiluudhaan akka maallaqa keenanuuf, kennuu baannan immoo akka qabeenyaa isaanii irratti balaa buusan ibsuudhaan sodaachisaa akka turan wajjira Poolisii magaalichaatti beeksisuu isaanii Obbo Berhuu Ayiday dabalanii ibsaniiru.

Bakka kanatti torban lamaan duras ALI Amajjii 12 bara 2017 galgalaa Boombiin harkaa darbatamee namootta irratti ittu midhaa hin geesisiin hafuu isaa itti gafatamaan dhiimaa nageenyaa fi bulchiinsaa magaala Shiree Indaasilaasee himaniiru.

Gochiichii horii namaa fudhachuudhaaf jechaa waan raawwatameedha malee dhimmaa siyaasaa akka of keessaa hin qabne kan ibsan itti gafatamaan nageenya magaalichaa, namoottan gocha Kanaan shakkaman too’annoo jala olfamanii dhimmi isaanii qoratamaa akka jiru beeksisuu isaanii Mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irra gabaaseraa.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:52 0:00
More
XS
SM
MD
LG