Xurree ittiin seenan

Breaking News

 Obbo Lidetuu Ayyaalew Itiyoophiyaatti Deebi'uuf Yaalanii Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Imaluu Akka Isaan Dhorke Dubbatan


Obbo Lidetuu Ayyaalew
Obbo Lidetuu Ayyaalew

Siyaasa Ityoophiyaa keessatti hirmaannaa qabanuun kan beekamanuu Obbo Lidetuu Ayyaleewu Yunaayitid Isteets irraa gara Itiyoopiyaati yemmuu deebi’aa jiranutii akka xiyyaaraa daandi qileensaa Ityoophiyaatiin imaluu hin dandeenye dhurkamaa isaanii beeksisaniiru.

Obbo Lidetuu Ayyaaleewu, ibsaa sagalee Amerikaatiif kennannin, daandii qileensaa Ityoophiyaa irraa tikeetaa bitatanii, waan imalaaf isaan barbaachisu hundaa guuttatanii boodaa gara buufata xiyyaaraa magaala Atilaantaatti argamuu yemmuu deeman , haanga’onni dandii qileensaa Itiyoophiyaa buufata Atlaataatti argaman akka xiyaarichaa seenuu hin dandeenye itti himuu isaanii ibsaniiru.

Itti gafatamaan wajjiraa dandii qileensaa Ityoophiyaa magala Atilaantaa akka isaan keesumeessuu hin dandeenyee biyyaa irraa waan ajjajini isaan qaqqabeef, Embaasii Ityoophiyaa Washingteeniin jiru gaafatanii yoo eeyyama argatan malee akka isaan keesumeessuu hin dandeenye itti himamuu isaanii dubbataniiru obbo Lidetuun.

Oboo Lidetuu Ayyaellwu Yunaayitid Isteets keessa kan turan dhimmaa waldhaansaa fayyaatiif yemmuu ta’u, ji’a Bitootessa 22 bara 2015 (ALI) ergama shororkeesumaa dhoksaadhaan ijaaramee keessa jiru jechuudhaan namoottan mootummaan Ityoophiyaa suura isaanii midiyaalee hawaasa irratti tamsaase keessaa tokko akka ta’an ni beekama. Haa ta’u malee dhimma Kanaan amma ammati himaanaan isaan irratti dhihaate akka hin jirre obbo Lidetuun sagalee Amerikaatti himaniiru.

Daandiin qileensaa Ityophiyaa mirgaa isaan dhorkuu akka hin qabne kan ibsan obbo Lidetuun daanndii qileensaa biroo fayyadamuudhaan akka biyyatti deebi’anu beeksisaniiru.

Sagaleen Amerikaa dhimma kana irratti deebii akka kennanuu dhaabata daandii qileensaa Ityoophiyaa fi Embaasii mootummaa Ityoophiyaa waashingtoon Diisii imeelidhaan gaafatus amma ammatti akka deebii hin kenine Asmaamaawu Ayyenewu gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:52 0:00
More
XS
SM
MD
LG